• Fri. Mar 13th, 2026

Murnoonni Bilxiginnaa Godina Walloo Magaalaa Kamiseetti waltajjii mata dureen isaa Humna Abjuu Badhaadhina Hunda Galeessaaf jedhuun geggeessaa jiraniin dargaggoota hojii basaasummaatti bobbaasaa jiraachuun saaxilame

Nov 4, 2024

ONM-ABO Sadaasa 2, 2024 

Qondaaltotni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti waraana Bilisummaa Oromoo biyyaa baafne, balleessine, harka kennachiifnee fi ajajaa waraanichaas ajjeefnee jirra jechuun miidiyaa isaanii of harkaa qabaniin hololaa turan hawwii isaanii qofaa fi soba dhugaa irraa fagaate ta’uu gaafa baran, miira abdii kutannaatiin gantootaa fi dargaggoota hedduu hojii basaasummaaf leenjisanii bobbaasaa jiraachuun barame.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti caasaaleen Bilxiginnaa waltajjii mata dureen isaa Humna Abjuu Badhaadhina Hunda Galeessaaf jedhuun iddoo bulchaan godina Walloo Obbo Ahimed Ali Abbaa Afuroo argamanitti Onkoloolessa 18, 2024 irraa eegaluun hanga Sadaasa 1, 2024 kanatti geggeessaa turaniin gantoota dantaa xixiqqoon bitamanii ergama murna Bilxiginnaa irraa fudhachuun moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoo keessa dhufanii gaafa irratti baramu ammoo sirnichatti galuun akka waan WBO’n galeetti ittiin hololaa turanii fi dargaggoota hedduu dirqii fi goyyomsaan qaban leenjisuun kaleessa Sadaasa 1, 2024 kana bobbaasuu eegalanii jiraachuun saaxilameera.

Akka hirmaataan waltajjii sanaa  maqaan isaa dha’amuu hin barbaanne tokko ONM’f himetti, basaastootni murna Bilxiginnaan leenjifamuun bobbaafaman kunneen Sadaasa 1, 2024 aanota godina Walloo keessaa aanaa Jiillee Dhummuuggaatti bobbaasanii kan jiran ta’uu fi basaatootni bobbaafaman kunneenis namoota tokkoo hanga lamaa ta’anii qe’ee hawaasaa keessa manneenuma namoota beekanii taa’uun galgala galgala qe’ee hawaasaatti ba’anii nuti WBO dha qarshii fidaa jechuun hawaasa dararuuf qajeelfamni itti kennamee jira.

Lukkeekeen Bilxiginnaa kun namoota ukkaamsanii dirqiin qarshii irraa fuuchuun  jaarmiyaa guddicha ABO-WBO kana maqaa balleessuu, uummanni Oromoo fi ilmaan isaa WBO’n walitti dhiyeenya akkamii akka qaban hordofuu akkasumas, guyyaa ammoo hawaasa naannoo sanaa namoota loon tikfatan fakkaachuun iddoo ajajootni WBO itti argaman adamsanii humna lafoon yoo hin danda’amne dirooniin rukuchiisuuf hojii odeeffannoo funaanuu akka hojjetan dabaluun dubbate.

Murni Bilxiginnaa lolaan waraana Bilisummaa Oromoo yeroo dadhabutti gantootaa fi namoota dantaa bicuun gowwomfaman leenjii kennuufiin maqaa WBO’n yakkoota adda addaa uummata Oromoo irratti ajjeechaa, gudeeddii, gubaatii fi namoota ukkaamsanii maallaqa guddaa gaafachuu raawwachiisaa jira.

Kana malees akkaataa WBO’n naannicha keessa itti socho’u akka hordofanii fi gochoota badii kana raawwataniif yeroo ammaa kana gantootaa fi dargaggoota hedduutti dhimma ba’aa waan jiraniif uummanni keenyas kana hubattanii namoota gochoota badii kana hojjechaa jiran yoo argitan ariitiin odeessa isaa qaruuxee WBO naannoo sana keessa socho’aniif akka laattan isin hubachiifna.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading