Dooyaa Gulaalaa
Bakkalcha Oromiyaa Lakk. 3
Muldhata, Imaammataa fi Karoora Afaan Oromoo
Afaan Oromoo guddisuu fi kunuunsuuf barbaachisummaa muldhataa, imaammataa fi karooraa baldhinnaa fi gadi-fageennaan qorachuu keennaan duratti maalummaa afaanii mildhachuun barbaachisaa dha.
Afaan jechuun maal jechuu dha?
Seenaa ilma namaa keessatti hennaa adda addaati hayyoonni maalummaa afaanii qoratan dachaa darabeen hiriirsuun ni dandayama. Qorannoo fi qu’annoo hanga ammaa godhame irraa akka hubatametti, hedduun isaanii hiikkaa maalummaa afaanii irratti yaada wal-fakkaataa qabu. Barreeffama kana keessatti dursinee cuumfaa yaada maalummaa afaanii gabaabsinee dhiyeessina.
- Afaan mallattoo dhala namaati (A language is human)
Afaan sumuda ilmo-namaatii fi bineensa addaan baasu jechuun ni dandayama. Garaagarummaan ilma-namaatii fi beeyladaa jidduu jiru miila lamaan ykn miila afuriin dhaabbatanii deemuu qofaa miti. Osoo afaan qabaatee dubbatuu baatee silaa ilmi-namaa bineensuma ykn beeyladaa dha. Hayyuun waayee uumaa lubbu-qabeeyyii qorate (Charles, Darwin) garaagarummaa bineensaa fi ilma-namaa ilaalchisee akkana jedha: «ilmi namaa bineensa, garuu bineensi ilma-namaatii miti. Sababiin isallee bineensi akka ilma-namaatti waan hin dubbanneefi,». Kana jechuun osoo afaan jiraachuu baatee namumatuu bineensa, bineensumatuu nama taya jechuu dha. Kanaafuu afaan balleessuun ykn duguuguun ilma-namaa balleessuu ykn duguuguu jechuudha. Jecha biraatiin afaan Oromoo balleessuun ykn duguuguun ilmaan Oromoo balleessuu ykn duguuguu (genocide) geggeessuu jechuudha. Impaayera gabroomfataa Itoophiyaa keessatti afaan Oromoo duguuf yaaliin godhame aggaammii sanyii Oromoo duguuguuf godhame tawuu hubachuu feesisa.
- Afaan calaqqee dammaqiinsa gulantaa ol’aanaati (A language is a reflection of the highest stage of consciousness)
Yaadaa fi afaan lukkuleedha. Lakkulee ammoo lubbuun takka jedha Oromoon. Yaadaa fi afaan hariiroo buuphaa fi lukkuuti ykn hanqaaquu fi handaaqqoo qaba. Jalqaba uumamaa buuphaa fi lukkuun kamtuu dura akka dhalatee wanni beekamu hin jiru. Afaanii fi yaadallee akkuma killee fi handaaqqoo kamtuu dura argame wanni beekamu hin jiru. Kanaafuu walabummaa biyyaatii fi bilisummaan sabaa sammuu gabroomte walaboomsuun (decolonizing the mind) jalqaba. Afaanii fi aadaan baankii yaadaati jechuun ni dandayama. Akuma ilmi namaa horii isaa baankii keessatti kuufatu ilmi-namaa yaada isaa afaan keessatti kuufatee dhalootaa gara dhalootaatti dabarsa.
- Afaan meesha qunnamtiiti (A language is a means of communication).
Afaaniif haa toltuu, ilmi-namaa wal-qunnamee waliif gala. Walii galuu callaa osoo hintayin walii galee alaa gala. Ilmi namaa waan walqunnamee walii galuuf «bineensa hawaasaati» jedhama. Kana jechuun osoo afaan jiraachuu baatee ilma-namaa raayyaa bineensaa irraa gargar fooyuun hin dandayamu. Ilmi namaa waan dubbatee walqunnamu qofaa osoo hin tayin waan yaaduufi. Kan beeyladaa irraa adda taasisu waan dubbatu duwwaaf osoo hin tayin waan yaaduufi.
Jecha biraatiin afaan gara meeshaa qunnamtii qofaatti gadi-xiqqeessuu dogoggora guddaadha. Dogoggorri afaan tokko gara meeshaa qunnamtii callatti gadi-buusuu dogoggora calcacalleessummaa ykf haphalleessummaa (reductionism) fida. Ilmi namaa yoo dubbatuu jalqabu afaan haadhaa-abbaa isaatiin yaaduu jallqaba. Yaada isaa ammoo dubbiin ibsata. Garaagarummaan afaan Amaaraatii fi afaan Oromoo jidduu jiru garaagarummaa yaadaa irraa jalqaba. Oromoon yaada isaa afaan Oromootiin yaadee afaan Oromootiin dubbatee walqunnama. Akkasumas Amaarri afaan Amaaraatiin yaadee yaada isaa ammoo afaan Amaaraatiin dubbatee walqunnama.
Afaan hundumtuu meeshaa qunnamtiiti. Garuu, meeshaan qunnamtii hundumtuu afaanii miti. Bineensaa fi beeyladaan afaan hin dubbatu malee mallattoo garagaraatiin wal-qunnama. Fakkeennaaf fardi ni himimsa; simbirti ni wacci; leenci ni aada; qeerramsi ni harqa; lukkuun ni iyya kkf…
Dhugaadha, afaan meeshaa qunnamtiiti, garuu afaan meeshaa qunnamtii qofaatti gadi-xiqqeessuun dogoggora guddaa dha. Ilma-namaa wal-qunnamsiisuun shora afaanii keessaa tokko malee hundumaa miti. Jecha biraatiin shorri afaanii qeenxee ykn balashee miti. Afaan qunnamtii irratti dabalee shora danuu ykn sobbooqqoo qabachuu hubatuun barbaachisaadha. Irra caalaa afaan baattoo yaadaa tawuu asii olitti tuttuquun yaalamee jira. Fakkeennaaf afaan amaaraa sabootaa fi sab-lammoota itti walqunnamuuf meeshaa godhachuu qabna yaadni jedhu calcalliidha (reductionist). Afaan Amaaraa dhaallee meeshaa qunnamtii godhachuun yaadaa fi aadaa gita koloneeffataa dhaaluu keenna irraanfachuu hin qabnu. Kanaafuu afaan gita gabroomfataa dhaalanii akka meeshaa qunnamtiitti itti fayyadamuun duratti imaammataa fi tarsimoo bilchaataa bocuu fi sagantaa masakaa qabaachuu gaafata.
- Afaan sirna (A language is a system)
Afaan sirna qindaawaa dha. Kana jechuun afaan sirnaa fi caasaa beekkamaan ijaarama; dubbatama. Ijaarsa sirna afaanii keessatti sirna haadhoo (gindii) fi sirnoota dameelee jiraachuu hubatuu feesisa. Sirnoonni dameelee ammoo sirnoota birkooletti qoodamu. Sirni guddaan (haadhoon) sirna guddicha ykn ol’aanaa (supra-system) jedhama. Fakkeennaa afaan Oromoo keessatti seerri afaan Oromoo (Oromo grammar) sirna haadhoo afaan Oromoo jechuun ni dandayama. Sirnoonni dameelee fi birkoolee sirnoota xixiqqoo (dolooldhoo) sub-systems jedhamu. Sirni haadhoon dameeletti, dameeleen ammoo birkiiletti dagaagu. Saaroo ykn caasoo sirnoota afaan Oromoo akka asii-gadiitti tarreessuun ni dandayama.
- Sirna saaroo sagalee afaan Oromoo (Oromo phonology)
Sirna uumama, saaroo fi caasoo sagalee afaan Oromoo agarsiisu. Fakkeennaaf sirna qaama sagaleen itti uumamu, bakka itti uumamuu fi akkaataa itti uumamu akeeka. Sagaleen dheeraa fi gabaabaan, laafaa fi jabaan bakkee fi akkaataa itti uumamu muldhisa.
- Sirna ijaarsa nafa ykn qaama jechootaa afaan Oromoo (Oromo morphology)
Sirna ijaarsa qaama jechoota afaan Oromoo agarsiisuu. Qaamni xiqqichi jechoon afaan Oromoo irraa ijaaramu kochee yk suuphana (morphemes) jedhama. Ijaarsi qaama jechoota Oromoo ijaarsa nafa.namaatiin walfakkaata. Akkuma qaamni namaa qaama xiqqashoo cell jedhamtuu irraa ijaaramu jechoonni afaan Oromollee qaama shiikkoo morpheme jedhamtu irraa ijaarama.
- Sirna ijaarsa waa-himoota afaan Oromoo (afaan Oromo syntx)
Sirni saaroo fi caasoon waahimoonni afaan Oromoo ittiin ijaaraman afaan warra biraa wajjiin waan isa tokkoomsuu fi adda isa taasisu qaba. Fakkeennaaf, seer-faanessa afaan Oromoo keessatti waahimni tokko (sentence) abboomsaan ykn abbaa-himaan (subject) jalqabee goosiin (verb) xumura. Garuu afaan tokko tokko keessatti waahimni tokko abboomsaan ykn abbaa-himaan jalqabee gal-gochaan (object) goolaba. Garaagarummaa kana hubachuuf mee fakkeenna asii gadii kana laali!
Afaan warra Ingiliizii= He killed the the lion = S+V+O = Abboomsa + Goosii + Gal-gocha
Afaan Oromoo = Inni leenca ajjeesse = S+O+V = Abboomsa + Gal-gocha + Goosii
- Afaan nama ykn qaama sagaleeti (A language is vocal)
Kana jechuun hidhiin, ilkaan, irgoon, arrabni, laagaan, liqimsaan, nafa namaa irra jiran hafuuraan walii galanii sagaleewwan adda addaa uumu.
Hidhiin sagalee dhungattuu (bilabial) fakk. B,p, ph, v, f, m, w uumti.
Ilkaan sagalee ilkoolee (dental) fakk. t, x, th, w, k, f, uuma.
Arrabni sagalee arrabee (palatal) fakk. j, ch, c, sh, ny, d, dh, z, x, s, n, l, r, jedhaman uuma.
Laagaan sagalee laagaalee (velar) fakk. g, k, q jedhaman baasa.
Boobaan kokkee sagalee kokkeelee (glottal) fakk. dh, h jedhaman uuma.
- Afaan qixxichaa fi baabsicha (A language is both partisan and non-partisan)
Afaan murnummaa fi gitummaa irraa walabaadha jedhama. Lammiin hawaasaa fi saba tokkoo keessa jiru martuu walqixa itti gargaarama jechuu dha. Afaan dureessaa fi hiyyeessa jedhee lammii saba tokkoo addaan hin fooyu ykn hin fanfansu. Kanaafuu afaan hinbaabsii ykn irbu-dideessa jedhama. Haa tawu malee, gitummaan, saalli, umriin, hujiin, siyaasaan, ilaalchi kkf… afaan irratti hincalaqqisu yookaan dhiibbaa hin godhu jechuu miti. Fakkeennaaf jaarraa amma keessa jirru kana keessa hawaasni loog-lamooyyeen ykn sabbaaq-lamooyyeen (diglossic community) muldhataa dhufuun isaa afaan dhiibbaa haallen irranatti tuttuqaman jalatti kufuu isaa agarra.
Kana irrattis dabalee, akkaataan hawaasni af-lamooyyeen (bilingual community) gara hawaasa af-takkooyyetti (mono-lingual community) jijjiiramaa deemuun afaan dhiibbaa haallen garaagaraa irraa walaba bawuu dadhabuu isaa calaqqisiisa.
Afaan saba tokko keessatti qixxichaa fi baabsicha tawus, qabsoo sabaa keessatti qixxichaa fi baabsichaa miti. Qabsoo bilisummaa ummataa fi walabummaa biyyaa keessatti afaan meeshaa qabsoo guddicha tawuu hubachuu feesisa. Sirna kiyyoo-gabrummaa keessatti afaan mootummaa gabroomfataa cunqursaadha. Afaan ummata gabrummaa jalatti kufee ammoo afaan cunqurfamaadha. Fakkeennaaf afaan Amaaraa afaan gita koloneeffataa waan tayeef bifa hundaanuu sirna cunqursaaf tumsa; yaada gita cunqursaa baadhata. Kanaafuu afaan saba tokko keessatti qixxichaa fi hinbaabsii yoo tawu qabsoo sabaa fi sabboonummaa keessatti baabsii fi irbu-maleessa jedhama.
Gaaffii Muldhata Afaan Oromoo
Ummatootaa fi mootummoonni afaan sabaatii fi biyyoolessaa kunuunsanii guddiftanan muldhata siyaasaa keessaa muldhata afaanii maddisiifatanii ittiin gargaaraman. Sabootaa fi ummattoonni sirna kiyyoo-gabrummaa cabsanii walaboomanis afaan warra gabroomfataa akkuma jirutti dhaalanii meeshaa qunnamtii hin godhanne. Afaan ufiis tayee afaan alagaa kunuunsuuf, dagaagsuu fi laga ceesisanii itti dhimma bawuuf muldhata afaanii bocanii itti gargaaraman.
Biyyoonni akka Nigeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Phillipinee fi Singapore fakkeenna duraa godhachuun hin dandayama. Biyyoonni kun erga sirna kolonummaa cabsanii bilisoomaniin booda afaan Ingiliizii dhaalanii dhimma itti bayan. Garuu afaan nyaaphaa akkuma fardaa yaabbatanii hin gulufne. Akkaataa ilaalcha aadaa fi seenaa fi duudhaa biyyaa wajjiin deemuu dandawutti leenjisanii fi jijjiiranii deebisanii itti gargaaraman.
Mooyxannoo afaanota addunyaa yoo qorannuu muldhata afaanii bakkoota gurguddaa afuritti baasuun ni dandayama. Akaakuulee fi aynaa muldhata afaanota addunyaa tokko tokkoon mildhachuu yaalla. Kunis gaaffii muldhata akkamtuu afaan Oromoo guddisuu, kunuunsuu fi dagaagsuu dandeesisiisa gaaffi jettu sirnaan deebisuuf gargaara:
- Muldhata Afaan Tokko Afaan Idilee-Addunyaa Gochuu (Internationalization)
Akkuma asii olitti tuttuquu yaalle biyyoonni akka Afrikaa Kibbaa, Nigeriyaa, Filipinii fi Singapore afaan Ingiliizii haybaqanii ykn qulqulleessanii yaada diigaa keessaa cuumfanii gingilchanii dhaalanii meeshaa addunyaa ittiin qunnamanii fi afaan hujii mootummaa godhanii ittiin gargaaramaa jiran. Kana jechuun afaan gitaa fi mootummaa koloneeffataa akkuma jirutti dhaalanii itti hin gargaaramne. Dura-dursoo tarsimoo afaan koloneeffataa duraanii haqanii, haybaqanii akkaataa haala qabatamaa biyya isaanii ibsuu fi meeshaa qabsoo tawutti deebisanii itti gargaaraman (abrogation & appropriation).
Tarsimoon afaan nyaaphaa qulqulleessanii meeshaa qunnamtii godhatanii ittiin dhimma bawuu akeeka sadihii irratti hundaaya: Sooressa, jijjiiranii, haybaqanii itti gargaaramuuf (abrogation & appropriation as an expression of an authentic place) afaan nyaaphaa maqaa handhuuraa buulessaa tolchee ibsuu qaba. Fakkeennaaf afaan amaaraa Bushooftuu, Finfinnee, Hadaamaa fi Abboomsa kkf.. jechuu dandawuu qaba. Tarsimoon lammeessoo afaan nyaaphaa haybaqanii qulqulleessanii itti gargaaramuuf seenessa koloneeffataa mataan dhaabuu ykn fugguu deebisuu qaba /abrogation & appropriation as a subtle form of subversion). Sadeessoo afaan nyaaphaa maalummaa fi muldhata buulessa abbaa biyyaa sonaan calaqqisiisuu qaba (abrogation & appropriation as a tool in advancing indigeneous identities and ideologies) Manuel Aguilla).
- Muldhata Afaan Sobbooqqoo ykn Dachaa Darabee (pluralistic Ideology)
Moofxannoo biyyoota sirna kiyyoo-gabrummaa cabsanii walaboomanii akka nu garsiisutti afaanota hedduu dachaa darabeen walfaanaa guddisanii afaan hujii mootummaa godhanii ittiin dhimma bawu. Akkuma diigamsaa sirna kolonii walfaanaa saboonni mirga guutuu fi walqixxummaa gonfataniin afaanonni biyya walaboomte keessa jiran hundumtuu mirga guutuu walqixxummaan walfaanaa jiraachuu fi dagaaguu gonfatan. Fakkaannaaf biyyaa Afrikaa Kibbaa keessa afaanota 20 jiru; kanneen keessaa ammoo afaanonni 11, afaan Ingiliizii dabalatee afaan hujii mootummaa tayanii dhimma baasu. Biyyiti Singapore akkuma kolonii warra Ingiliizii cabsitee walaboomteen afaanota biyyaa keessaajiran keessaa afaan Ingiliizii dabalatee afaan 4 hujii mootummaa godhatte; isaanis: afaan warra Ingiliizii, afaan Malay, afaan Mandarinii fi afaan Tamil. Biyyiti Nigeria ammoo afaanota saboota biyyaa 500 qabdi. Nigeriyaan afaanota buuleyyii abbaa biyyaa guddisuu fi kunuunsuu walfaanaa afaan Ingiliizii qofaa afaan hujii mootummaa godhattee ittiin haajaa fixatti. Biyyiti Filippiinis afaanota biyyaa keessaa afaan lama Ingiliizii fi Filippiinoo afaan hujii mootummaa godhatte.
Impaayerri koloneeffataan kufuu fi diigamuun carraa afaanonni dachaa darabeen walfaana guddachuu argamsiisa dambooba jedhu jira. Kufaatii impaayera koloneeffataa fi walabummaa Oromiyaa wajjiin afaanonni Oromiyaa keessa jiranii fi ollaa hiree walqixxummaan guddachuu karaa bana. Kanaafuu ammumarraa muldhata hundumaa ammatu bocanii irratti hojjachuun fardiidha jenna.
- Muldhata Dhidhimsaa fi Liqimsaa (Linguistic Assimilation Ideology)
Muldhanni afaan biraa dhidhimsanii fi liqimsanii afaan tokko qofaa moosisuu muldhata dhidhimsaa fi liqimsaa jedhama. Muldhata dhidhimsaa fi liqimsaa yeroo duraatiif koloneeffataa Faransaayittuu hujii irra oolche. Mootummaan Haila Sillaassellee afaanota saboota cunqurfamoo impaayera keessatti argaman dhidhimsee fi liqimsee afaan amaaraa callaa moosisuuf muldhata liqimsaa fi dhidhimsaa kanatti gargaarame. Muldhanni kun hanga baraa mootummaa Biltsiginnaatti hinjijjiiramne. Ardhallee mootummaan Biltsiginnaa muldhata liqimsaa fi duguugaa kana hordofa. Jecha biraatiin mootummaan Biltsiginnaa mootummaa afaan amaaraa dubbatu jechuun ni dandayama. Hanga ardhaatti afaan hujii mootummaa federaalaa Itoophiyaa afaan amaaraati.
- Muldhata Afaan Sabaa Kunuunsuu fi guddisuu (Vernacularization)
Muldhanni kun muldhata kunuunsituu jechuun ni dandayama. Muldhanni kunuunsituun afaan saba cunqurfamaa fi afaan ganamaa guddisuu fi laga-ceesisuuf gargaara. Gaafa mootummaan impaayera kononeeffataa diigamee Oromiyaan walaboomte mootummaan birmaduun Oromiyaa muldhata kanatti dhimma bayee afaan Oromoo kunuunsee dagaagsuuf muldhata kanatti gargaaramuu qaba jenna.
Barruu asii olii keessatti mudhata afaanii bakka afuritti qoodnee maalummaa isaa walduraa boodaan mildhachuu yaalle. Biyyoonni adda addaa afaan isaanii guddisuu fi dagaagsuuf muldhata siyaasaa irraa muldhata afaanii maddisiifatanii afaan isaanii atoomsuu fi guddisuuf akka itti gargaaraman gabaabsinee xiinxalluu yaalle. Barruu kana keessatti muldhanni afaanii muldhata siyaasaa irraa akka madduu hubanne. Itti aansinee muldhata afaanii irraa imaammanni afaanii akka burqu babbay’sina.
Mooyxannoo biyyoota addunyaa wabeeffannee imaammata afaanii akka armaa gaditti tarreessuu yaalla. Akaakuulee imaammata afaanota addunyaa keessaa calallee imaammata afaan Oromootii fi afaanota saboota biroo guddisuu malu addatti baafne akeekna.
- Imaammata Af-Takkooyyee (Monolingualism)
Imaammanni af-takkooyyeen muldhata liqimsaa fi duguugaa afaanii irraa qadhaabama. Biyyoota addunyaa keessaa 178 imaammataa afaan isaanii ifatti labsatan. Biyyoonni 101 ammoo afaan tokkoo ol beekkumtii kennanii afaan hujii mootummaa godhatanii ittiin tajaajilamu. Mootummoonni akka Faransaayii, Xaaliyaanii, Portugaalii fi Spain afaan tokko qofaa dubbatu. Keessattuu biyyiti Faransaayii afaanota warra kolonii jalatti kufanii duguuguu fi liqimsuu keessatti fakkii fokkataa qabdi. Impaayerri Itoophiyaa ammoo afaanota sabootaa liqimsuu fi dhidhimsuu keessatti fakkii fokkataa hiriyaa hin qabne. Mootummaan Haila Sillaasee heera impaayeraa bara 1931 tumame keessatti afaan Impaayeraa afaan amaaraa qofaa tawuu labse. Hanga ardhaattis mootummoonni faraqaan impaayera bitan PP dabalatee imaammata af-takkooyyee hordofu. Ardhallee afaan tokkichi hujii mootummaa federaalaa afaan amaaraa duwwaadha.
- Imaammata Af-Daneessaa (Multi-Lingual language policy)
Warra imaammata af-daneessa hordofan muldhata afaan sobbooqqoo fi dachaa-darabee (pluralistic language ideolgy) irraa imaammata af-daneessa burqisiifatan. Imaammanni af-daneessaa afaano hedduu dachaa-darabeen walqixxummaan akka walfaana dagaagan gargaara. Akkuma asii olitti tuttuquu yaale Afrikaan Kibbaa fakkeenna gaariidha.
- Imaammata Afaan Lakkuu (Bilingual Language Policy)
Biyya sab-daneessa keessatti afaan lama walfaana gargaaramuun ykn dubbachuun imaammata afaan lakkulee jedhama. Imaammanni afaan lakkuu gulantaa lamatti hujii irra oola. Gulantaan tokkoffaan mootummaan tokko afaan lama filatee walqixaa fi qixxee-qimixxetti yoo akka afaan hujii mootummaatti itti dhimma bayee afaan lakkulee hujii mootummaa (official bilingualism) jedhama. Biyyiti Canaadaa imaammata afaan lakkuu hujii mootummaa hordofuu fi hujii irra oolchuun beekkamti. Biyya kanaa keessatti afaan Faransaayii fi afaan Ingiliizii afaan lakkulee hujii mootummaati.
Gulantaan lammeessoo imaammanni afaan lakkulee imaammata mana-barnootaa keessatti hujii irra oola. Mana barnootaa keessatti barattoonni afaan dhalootaa ykn haadhaa-abbaa irratti afaan lammachaa filachuuf mirga qaban. Kafaatii sirnoota kiyyoo-gabrummaatiin booda biyyoonni imaammata afaan lakkuu hordofan imaammata afaan lakkuu keessatti afaan warra cunqursaa filachuu lagatan. Sababii isaa afaan warra koloneeffataa qurxummii afaanota biraa liqimsee dhidhimsuu jedhanii waan yaadaniifi.
Gaafa sirni gabroomfataan impaayeraa kufee Oromiyaan walaboomte mootummaan Oromiyaa imaammata afaan lakkulee hordofuun ni mala. Garuu afaan Amaaraa akka afaan lammachaatti filachuun afaan Oromoo ajjeessuun garagarummaa hin qabaatu. Kanaafuu imaammata mana-barnootaa keessattis taye imaammata lakkulee afaan hujii mootummaatiif afaan amaaraa filachuun afaan Oromoo qancarsuu fi afaan Oromoo balleessuuf karaa banuudha.
- Imaammata Afaan Abbaa-humnaa (De facto Language Policy)
Jechi abbaa-humnaa (de facto) jedhuu seera-maleessa jedhuun hiikama. Faallaan isaa jecha seera-qabeessa (de jure) jedhuun ibsama. Abbaan humnaa seeraan beekkamus seeraa beekkamuu baatus humniti isaa murteessaadha. Yoo gara imaammata afaanitti deebinu biyyoonnii fi mootummoonni tokko tokko imaammata afaan hujii mootummaan seeraan hin murteessan. Biyya afaan tokko ummata wayyabaan dubbatamu keessatti jaalatamus jibbamus mootummaanis tayee ummanni afaan abbaa-humnaa dubbata. Fakkeennaaf biyya Ameerikaa fi biyya Ingiliizii keessatti seerri gulantaa afaanii labsu hin jiru. Ummanni biyya lamaanuu keessa jiru seeraan beekkamus seeraan beekkamuu baatus afaan ingiliizii dubbata. Biyya Xaaliyaanii fi Faransaayii keessattillee akkusuma. Xaaliyaanii afaan Xaaliyaanii afaan hujii mootummaa tawuu kan seeraan beeksifte bara 1999 ture.
Jecha biraatiin imaammanni afaan abbaa-humnaa imaammata golgaa (covert language policy) jedhamee waamama. Faallaan isaa ammoo imaammata kolbaa (overt language policy) jedhama. Biyyoonni gulantaa afaan isaanii ifatti murteessanii ittiin hojjatan imaammata kolbaa hordofu jechhuudha. Biyyoonni ammoo maalummaa fi gulantaa afaan isaanii ifatti beeksisuu dhiisanii duchamaan afaanitti gargaaraman imaammata golgaa ykn dhoksaa hordofu jechuu dha. Akaakuulee imaammata afaanii aynaa, heddumminaa fi gadi-fageennaan qorachuun afaan Oromoo guddisanii fi kunuunsanii ittiin gargaaramuuf filmaataa fi carraa guddaa bana. Akkuma ilaalchaa siyaasaa keessaa muldhataa fi makkaaldhoon afaanii maddu, imaammata afaanii keessaa karoorri tarsimoo afaanii madda. Barruu asii gadii keessatti akaakuu karoora tarsimoo afaanii babbay’suuf tattaafanna.
- Imaammata Kunuunsituu fi Quucarsituu/promotive and demotive policy/
Imaammanni kunuunsituun ykn qananiiftuun afaan sabaa muldhata, imaammataa fi karoora ifaa tolchanii hujii irra oolchuu gaafata. Imaammanni kunuunsituun waan guddinna afaan tokkoo hafaafansuu fi qananiisu itti tolchuu dabalata. Fakkeennaaf seeraan afaan hujii mootummaa tawuu labsuu, baajeta itti ramaduu fi jaarmaya abbummaan afaan irratti hujjatu (language institute) dhaabuu gaafata.
Faallaa kanaatiin biyyootaa fi mootummoonni imaammata quucarsituu fi qancarsituu hordofan ni jiru. Mootummaan Bilstiginnaa afaan Oromootii fi saboota cunqurfamoo ilaalchisee imaammata qancarsituu fi haceeqalaa hordofa. Madaala muldhataan, imaammataa fi karooraan yoo shallagamu gareen Biltsiginnaa mootummaa afaan Amaaraa dubbatu. Afaan Oromootii fi afaanota sabootaa guddisuuf bajata itti ramadee, jaarmaya abbummaan irratti hojjatu seeraan ijaaruun hafnaan muldhata, imaammataa fi karoora afaanii hin qabu. Inumaayyuu faallaa kanaatiin qarayyoota jibbaa saba Oromootiin maraatanii fi afaan Oromoo seera-barnoota biyyaa keessaa haquu fi qubee afaan Oromoo fonqolchanii qubee Saabaatiin bakka buusuuf hojjatan ministera barnootaa irratti muude. Imaammanni gartuu PP afaan Oromoo balleessuu fi suuta suuta qabee afaan Oromoo haquu akka taye gocha fokkisaa inni raawwatu irraa hubachuun ulfaataa miti.
- Karoora Tarsimoo Gulantaa Afaanii Murteessu (Language Status Planning)
Barruu asii olii keessatti imaammanni afaanii muldhata afaanii keessaa akka burqu qorannee jirra. Amma ammoo karoora imaammata afaanii keessaa maddu qu’anna. Qorannoo fi mooyxannoon afaanota addunyaa akka mirkaneessutti karoorri tarsimoo afaanii iddoo sadi gurguddatti qoodanii laaluun ni dandayama: Isaanis karoora gulantaa afaanii murteessu, karoora caasaa fi saaroo afaanii akeekuu fi karoora afaan haadhaa-abbaa qananiisuu jechuu dha.
Karoora gulantaa afaanii jechuun sadarkaa afaan tokko hawaasaa afaan dubbatuu fi hujii mootummaa keessatti qabu karoorsuu fi qajeelfama ifaa itti baasuu jechuudha. Ummanni Oromoo afaan Oromoo duguuggaa irraa dandamatee akka afaan sabaatii fi afaan mootummaa tawu qabsoo walirraa hin citne godhaa ture; ardhallee itti jira. Mootummoonni dhufaa-lufaan impaayera koloneeffataa akkuma saba Oromoo duguugan afaan Oromollee duguuguuf hojjatan. Afaan Oromoo afaan mootummaa gochuun hafnaan suuta suuta akkaa cuunca’ee dhabamu godhan. Mootummaan TPLFis tayee PPn ardhaa gaafii ummata Oromoo deebisuun hafee afaan tokkicha Amaaraa qofaa afaan hujii mootummaa Itoophiyaa godhanii seeraan raggaasisan. Ardhannee mootummaa impaayeraa jalatti karoorri gulantaa afaan Oromoo murteessu tokkolleen hinjiru. Akkuma bilisummaa fi walabummaan kadhaa fi tolaan hin argamne gaaffiin afaan Oromollee qabsoo hadhooftuun alatti akka hin dhufne hubannee qabsoo finiinsuun fala fala biraa hin qabne tawuu hubachuu feesisa. Hennaa ammaa afaan Oromoo afaan hujii mootummaa tawuun hafee mootummaa fakkeessaa Oromiyaa keessattu sirnaan akka itti hojjatamne dhugaa diida jirtu. Karoorri ifaan afaan Oromoo mootumsuu fi dagaagsu Ijaarsa mootummaa birmaduu Oromiyaatii fi walabummaa Oromiyaa wajjiin dhufa jennee amanna
- Karoora Saaroo fi Caaseffama Afaan Oromoo (Corpus Planning)
Karoorri saartuu fi caasaa afaan Oromoo qaama afaanii keessatti jijjiirraa barbaachisu gochuuf gargaara. Garaagarummaan karoora sadarkeessaa afaaniitii fi saaroo fi caasaa afaanii karoorri gulanteessaan irra caalaan dirqama mootummaati; karoorri saaroo fi caasaa qaama afaan Oromoo irra caalaan qorayyoota dhuumfaa hirmaachisa. Qormaata saaroo fi caasoo afaanii bakkoota gurguddoo 3ti qoodama: isaanis afaan tokko barreessuu (Graphization), waaltessuu(standardization), fi baraneessuu (modernization) jedhamu.
2.1 Karoora Afaan Barreessuu (Graphization)
Karoora afaan barreessuu jechuun afaan tokko afaan dubbii irraa gara afaan barreeffamaatti jijjiiruu jechuudha. Afaan tokko afaan dubbannaa irraa gara afaan barruutti geedaruuf ammoo dura dursanii qubee afaan san tolchee qoruu dandawu filachuu fi qadhaabachuu gaafata. Tattaaffiin seena-qabeessi ABOn afaan Oromoo afaan dubbii irraa gara afaan barreeffamaatti jijjiire karoora afaan barreessuu fi qoruu keessatti laalama. ABOn afaan Oromoo sonaan qoruu fi barreessuuf ulaagaalee armaa gadii irratti hundaayee Qubee Laatinnii madaqfate: tokkoffaan ulaagaa kaayoo siyaasaati. Kana jechuun afaan Oromoo qubee Latiniitiin barreessuu ol’aantummaa afaanii fi qubee Saabaa mootummaa impaayeraa cabsuudha. Ulaalaagaan lammeessoo seera sagalee afaan Oromoo (phonetic reason)ti. Qubeelee gabatee idilee addunyaa keessa jiran keessaa qubeen afaan Oromoo sirnaa fi sonaan waraabuu dandeessisuu qubee barreeffama Latin (Latin Orthography) qofaadha. Ulaagaan sadeessoo ulaagaa saayïnsii fi ogaa-malaa (scientific and technological reason). Tuulaa ykn beekkumsaa fi qaroomina ummata addunyaa waraabbachuuf afaan Oromoo qubee Latiniitiin barreessuun bu’aa daangaa hin qabne qaba. Sababiin afaan Oromoo hennaa gabaabduu keessatti masaraaritii Google keessa seensisuun dandayameef kanuma.
2.2 Karoora Sabbaaqa/Arraata Wal-qixxeessuu fi Waaltessuu (Standardization)
Afaan tokko waaltessuuf karoora ifaa afaanii baasanii hojjachuun murteessaadha. Afaan Oromoo waaltessuuf dura dursoo sabbaaqa afaan Oromoo (Oromo dialects) walqixxeessuu gaafata. Sabbaaqaa ykn arraata afaan Oromoo walqixxeessuuf qormaata ogummaa afaanii irratti hundaaye gochuu fi walbarsiisuu gaatata. Sabbaaqa afaan Oromo walqixxeessuu/walmadaalchisuu dirqama lakkuudha. Sabbaaqa walqixxeessuu fi waaltessuun addaan baasanii laaluun hin dandayamu. Barruu kana keessatti jechi sabbaaqa jedhu jecha loqoda jedhu bakka bu’a. Jechoonni cabaqaa fi loqoda jedhan jecha dialect jedhu hin hiikan.
Hayyuun biyya Xaaliyaanii kan faayuumama ykn og-barruu afaan Oromoo qorate (Enrico Cerulli, 1922) nama Oromoo maqaa Loransiyos jedhamu wabeeffatee sabbaaqa afaan Oromoo (Oromo dialect) bakka gurguddaa lamatti addaan qooda: isaanis sabbaaqaa Kaaba Oromiyaatii fi sabbaaqa Kibba Oromiyaati.
Sabbaaqa Kaaba Oromiyaa ammoo damee sadihitti addaan hiree tarreessa:
- Sabbaaqa Maccaa. Sabbaaqni Maccaa akka hayyuun maqaa Tutsccheck baanutti sabbaaqa Oromoo Laga gojab. Ceruulliin ammoo sabbaaqa Maccaa Sabbaaqa Oromoo Kaaba-Bahaa jedhee moggaasa. Cerulliin Sabbaaqa Maccaa Kaaba-Bahaa keessatti sabbaaqa Limmuu, Gummaa, Leeqaa fi Noonnoo yoo ramadu sabbaaqa Kibba-Bahaa ammoo sabbaaqa Jimmaa Abbaa-Jifaar jedhee moggaasa. Garaagarummaan sabbaaqa Maccaa Kaaba-Bahaatii fi Kibba-Bahaa dambalii sagaleetii fi caasoo jechaatiin gargar bawuu jedha. Sabbaaqni lamaanuu uumama sagaleetii (phonetic) fi caaseffama jechootaa (lexicological pecularities) irratti yoo gargara bayan sabbaaqni Jimmaa Abbaa-Jifaar dubbifamaa dachaa (consonantal diphthong) kanneen I, r hambifata jedha.
- Sabbaaqa Tuulamaa: Akka Cerulliin jedhutti sabbaaqni Tuulamaa naannoo Oromoo Abbichuu-Galaanii fi Salaaletti dubbatama. Sabbaaqni Tuulamaa moggaatiin abba-himaa irratti duub-sufa kiyya ykn tiyya jedhu yoo dabalu sabbaaqa Maccaa keessatti ammoo duub-sufa koo jedhu moggaatii abba-himaa (pronominal suffix) irratti dabala. Fakkeennaaf Tuulamni abbaa kiyya yk haadha tiyya yoo jedhu Macca abbaa koo ykn haadha koo jedha.
- Sabbaaqa Booranaa ykn sabbaaqa Oromiyaa Bahaa: Maqaan Boorana jedhu hundee jecha bor-aana jedhu irraa madde. Hiikkaan isallee Baha biiftuu jechuu taya. Oromoon Sikkoo-Mandoo, Ittuu-Humbannaa-Afran Qaldhoo hanga Hanga Haroowwan gurguddoo jidduu baldhifatee jiraatu sabbaaqa Booranaa dubbata. Akka Loranseyos jedhutti Oromoon Burjii sabbaaqa Booranaa dubbata. Oromoon Booranaa kan naannoo Somaalee Naanniga Guddaa, Naanniga Xiqqaa fi Dawaa keessatti argamus sabaaqa Booranaa shaakala. Kanaaf ragaan qabatamaan biyya Somaalilandi keessatti gaarreenii fi laggeen maqaa Oromoo qaban jiraachuu isaati. Fakkeennaaf Malkaa Re’ee, gaarri mataa namaa fakkaata jedhan akka ragaatti fudhachuun ni dandayama.
- Sabbaaqni gola guddaa lammeessoo sabbaaqa Oromiyaa Kibbaati. Oromoonni haroo Xaanaa irra qubatan sabbaaqa Kibba Oromiyaa dubbatu. Jarri kun Oromoo Barareetaa fi Qoofiraa jedhamanii lafa dur bulchiinsa kononeeffataa Ingiliizii Afrikaa Bahaa keessa jiraatu.
Barruun armaa olii kun sabbaaqaa afaan Oromoo gadi-fageennaan qoratanii walqixxeessuu fi waaltessuuf karaa saaqa abdii jedhu qabna. Qormaanni hanga ammaa sabbaaqa afaan Oromoo irratti godhame quubsaa miti.
2.3 Karoora Afaan Oromoo Baranneessuu (modernization)
Afaan saba tokkoo baraneessuu jechuun dandeettii ykn shora afaan addunyaa ibsuuf qabu dagaagsuu fi baldhisuu jechuudha. Baraneessuun seenaa afaanii keessatti boqonnaa haarawa saaqa. Baraneesummaan afaan Oromoo walabummaa Oromiyaa fi ijaaramuu mootummaa birmaduu Oromiyaa walfaanaa dhufa. Sirni kolonummaa impaayera Itoophiyaa caphuun gufuulee afaan Oromoo qancarsanii fi quucarsan karaa irraa kaasa.
Mootummaan kaayoo saba Oromoo qabu dhalachuu walfaanaa muldhanni, imaammataa fi karoorri afaan Oromoo dhalachuun mamii tokkollee hin qabu. Baraneessummaan imaammata afaan Oromoo dagaagsuun jalqabee ro’oo ykn guuboo jechoota afaan Oromoo baldhisuu dabalata. Baraneessummaan afaan Oromoo akka afaan saay’insii fi teknoloojii tawu gochuudha.
3. Karoora Man-barnoota Afaan Oromoo (Language Acquisition Planning)
Karoorri afaan ufii barachuu fi mana barnootaa karooraan taliguu karoora man-barnoota afaan Oromoo ilaala. Dirqamni barnootaa afaanii suduudaan mootummaa Oromiyaa ilaallata. Mootummaan amma maqaaf Oromiyaa keessa jiru mootummaa kittillayyoo ykn dooginyoo impaayeraa waan tayeef afaan Oromoo kunuunsee guddisuun irraa hin eegamu. Fuulduraaf, mootummaan birmaduun Oromiyaa karoora caasoo afaanii, karoora gulanteessaa fi kabajaa afaan Oromoo bocee hujii irra oolchuuf dirqama ol’aanaa akka qabu damboobna.
Mootummaan birmaduun Oromiyaa afaan Oromoo guddisuu fi kunuunsuuf dirqama armaa gadii qaba. Tokkoffaa sirna man-barnootaa (curriculum) bocee hujii irra oolcha; afaan Oromoo maatii irraa kaasee haga gulantaa kolleejjii fi universitittii akka gulantaa gulantaanii fi karoora ifaan baratamu godha. Barsiisota heddumminaa fi akaakuun leenjisee bobbaasa. Barnoonni bu’uraa maatii fi oolmaya daa’imman Oromiyaa keessatti akka hundee horatu baajata ramadee hojjata. Mana barnoota Oromiyaa keessatti imaammata afaan lammachaa (bilingua language policy) bocee hujii irra ooluu tooyata. Oromiyaa keessatti muldhanni, imaammataa fi karoorri afaan Oromoo akka guutuu guututti hujii irra oolu hordofuu bira lufee qaamonni dhunfaas tayee jaarmayaa qajeelfama mana-barnoota afaan Oromoo akka hin faallessine waardiyyeessuu fi tiiksuun dirqamaa fi mirga mootummaa Oromiyaati. Ummanni Oromiyallee afaan haadhaa-abbaa isaa dagaagsuu atoomsuu fi taadhessuuf dirqama hundaa-olii qaba.
Afaan Oromoo guddisuu fi kunuunsuun dirqama Oromummaatii fi lamummaa sabaati.
