• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaa keessatti manneen qotee bultootaa gubuun waraana PP akkuma itti fufetti jira

Nov 5, 2024

ONM-ABO Sadaasa 3, 2024 

Murni abbaa irree daddaaqamiinsa siyaasaa isa mudaatee jiru dandamachuu dadhabuun uummata nagaa dhorkee halkanii fi guyyaa waraana sammuun isaa hadoode hawaasatti bobbaasuun bahaaf gala dhorkee oomisha isaa akka alaa hin galfanne harkaa baleessaa jiraachuu maddeen dubbataniiru. 

Onkoloolessa 28, 2024 aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Ficoo Kaakkaa jedhamu keessatti manneen hawaasaa qabeenya guutuu waliin gubanii hawaasni akka itti jiraatu dhabee rakkachaa jiraachuun himame.

Namoota kanneen keessaa kan maqaan nu gahe; Badhaasoo Gammadii jalaa manneen 4, Abbunii Amaanoo Kadir jalaa manneen 4 fi Maammush Amaanoo Kadiroo jalaa manneen tokko 1 gubuun barbadeessuu jiraattonni himan.

Aanicha keessatti irra deddeebiin lubbuu namaa qabee hanga mancaatii qabeenyaatti guyyaa guyyaan gochoonni hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufuun namoonni hedduunis sodaa lubbuu isaaniif jecha qe’ee isaanii irraa godaanaa akka jiranis dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading