• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii fi Baha Wallaggaa Aanaa Leeqaa Dullachaatti hidhaa fi gubaatiin manneenii loltoota PP’n raawwatame

Nov 5, 2024

ONM-ABO Sadaasa 4, 2024 

Tuutni ergama badii qabatee maqaa maatii qabsaa’otaa dhabamsiisuu, namoota hariiroo WBO qabu jedhamuun shakkaman ajjeesuu, manneen irratti gubuu, qabeenyaa isaan horatan guutuu saamuun qe’ee onaatti hambisuu, jireenya isaanii manneen hidhatti dabarsuun kanneen biroo jiilchuu fi qaamaa qalbiin miidhamoo akka ta’aniif ergama qaama olii irraa fudhatanii bobba’an fiixaan baasuuf bakkeewwan hundatti adeemsa jal’inaa isaanii itti fufaniiru.

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii ganda Guddattuu Jimmaa  nannoo Tulluu Guddannee qofaa irraa maatiin qabsaa’otaa dhiiraa fi dhalaa, jaarsaa fi jaaartii dabalatee namoonni baay’inni isaanii 25 ol ta’an yakka tokko malee maqaa obboleessa, obboleettii, abbaa, haadhaa  fi firoota keessantu keessatti hirmaachuun haleellaa nu irratti taasisaa jira jedhuun akka hidhan jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Kana malees gandichaa fi gandoota birootti duulli saamichaa, manneen gubuu fi namoota jumlaan hidhuu cimee itti fufee akka jiru kan himamu yoo ta’u, qe’een qonnaan bultootaa danqama siyaasaa hawaasni quba hin qabneen onuun adeemsi baruu fi barsiisuu illee loltoota abbaa irree koloneel Abiy Ahimediin addaan citee akka jirus itti dabaluun ONM’f qoodaniiru.

Godina Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Horoo  keessatti ammoo Onkoloolessa 30, 2024 maqaa abbaan warraa kee humna ittisaati jedhuun haadha ilmaanii kan taate tokko jalaa mana isheen keessa jiraattu ibidda itti shiduun qabeenyaa keessa jiru guutuu waliin gubanii barbadeessuun akka deeman beekameera.

Sadaasa 1, 2024 aanaadhuma Leeqaa Dullachaa ganda Horoo naannoo Qorkee jedhamu keessatti hawaasa nagaa Waraana Bilisummaa Oromootiif nyaata kennitan jechuun, mana Ahimed Adam jalaa gubuun namoota nagaa maqaan isaanii Jamaal Ahimed,  Iftuu Geetuu, Aliisaa Mohaammad, Iftuu Mohaammad Abdullee, Rafiiqaa Muummee fi Aliyyii Abdulkariim kanneen jedhaman qabuun reebichaa fi dararaa irratti raawwachuun hanga ammaatti bakki isaan geessan hin baramne jechuun jiraattonni himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading