• Sun. Mar 29th, 2026

Indooneezhiyaa keessatti volkaanoo dhoheen yoo xiqqaate namoonni 10 du’an

Nov 5, 2024

ONM-ABO Sadaasa 4, 2024 

Baha Indooneezhiyaa keessatti volkaanoo  halkan tokkotti dhoheen ibiddaa fi daaraa gandoota naannoo isaanii jiran irratti dhangalaasuun yoo xiqqaate namoota 10 galaaffachuu isaa qondaaltonni Wiixata har’aa haala akeekkachiisaa sadarkaa olaanaatti ol guddisaniin himaniiru.

Gaarri Lewotobi Laki-Laki, volkaanoon lamaan meetira 1,703 dheeratu kan odola turistiin beekamaa Filoores irratti argamu, halkan walakkaa dura dhohuun, aanga’oonni gandoota hedduu akka baqatan dirqisiiseera.

Jiraattonni yeroo dhagaa abiddaan gubatu mana isaaniitti dhukaasuu jalqabu sodaa guddaa isaan mudate ibsaniiru.

“Ani hirribaa keessa osoon jiruu akka tasaa sireen akka waan namni tokko rukuteetti si’a lama raafame. Sana booda volkaanoon sun akka dhoohe waanan hubadheef ala fiige,” jedha namni ganna 32 rifeensa tolchu Hermaanus Maayit.

Dubbi himaan dhaabbata balaa hir’isuu biyyattii (BNPB) Abdul Muhaarii ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin lakkoofsi namoota du’anii kan mirkaneessan yoo ta’u, dho’iinsa kanaan namoonni 10,295 miidhamuu ibsaniiru.

“Gaara Lewotobi Laki-Laki irratti sochiin volkaanoo baay’ee dabaleera,” jechuun ibsa gaazexeessummaa har’aa baaseen ibseera jechuun AFP’n odeessa bakkicha irraa argateen gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading