• Fri. Mar 13th, 2026

WBO’n godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti Lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise

Nov 6, 2024

ONM-ABO Sadaasa 6, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Oromiyaa walaboomte ijaaruuf lubbuu isaa tokkittii saba isaaf kennee gootummaan diina dura dhaabbachuun diina kokkee qabee karra shanan Finfinnee dabalatee goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraana faashistii PP waxaluu itti fufee jira.

Haaluma kanaan Sadaasa 2, 2024 WBO’n Zoonii Kibba Bahaa Oromiyaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa magaalaa Qancaree jedhamtu keessatti tikoota fi waraana Bilxiginnaa caasaa gandaa diriirsuuf ergama fudhattee bobbaate dursee odeessa argachuun halkaniin itti cabsee seenuun lukkeelee diinaa irraa 7 battalatti yoo ajjeesu, 9 ammoo madoo damdammii hin qabneen adabee ergamtoota PP magaalicha keessaa gugsee yaasuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Lolli hanga xumura garbummaatti itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading