ONM-ABO Sadaasa 5, 2024
Impaayera Itiyoophiyaa keessatti yeroo ammaa dhaabbileen barnootaa olaanoon impaayerattii tokko tokko sababa hanqina baajetaan qulqullinni barnootaa, nyaataa fi moorichaa dhabamuun yaaddoo cimaa keessa jiraachuu ibsaa jiru.
Sababni kanaa ammoo dinagdeen impaayerattii harki olaanaan humna waraanaa humnaa olii leenjisuun lola bakkoota adda addaatti geggeessuuf baasanii fi taayitaa isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun dabballoota isaaniif ramadaniif dhumuun ni beekama.
Faallaa kanaa ammoo murni Bilxiginnaa karaa miidiyaa fi dabballoota of harkaa qabaniin misoomatti jirra, impaayerattiin guddachaa jirti, akkasuma liqaa ofirraa hir’isaa jirra jechuun sobanii yoo dubbatan garuu bu’uuraaleen misoomaa waggoota jahan darbanii asitti xiyyeeffatamaa akka hin jirre dhugaa lafa jiruudha.
Bifuma kanaan Yuunivarsiitiin Wallaggaas erga waggoottan jahan Abiy Ahimed aangootti dhufee kaasee xiyyeeffannoon baruu fi barsiisuuf itti kenname gadi aanaa ta’uun, mooricha keessa daandii Koobil Istoonii bara 2021 keessa gara daandii cirracha gurraachaatti jijjiirra jedhuun diiganii turan.
Haa ta’u malee hanga har’aatti sababa hanqina baajeetaan ijaarsichi dhaabbachuun barattoonni fi hojjettoonni moorichaa bona dhukkee fi ganna ammoo dhoqqeen rakkachaa jiraachuun beekamee jira.
Akka Arratni Biyyoolessa Oromiyaa barattootaa fi hojjettoota moorichaa keessaa tokko tokko dubbise jedhanitti sababa baajeta moorichaaf ramadame gara lola Tigraay fi leenjii dabballootaaf oolchanii ijaarsii moorichaa dhaabbatee jira jedhu. Kana malees hanqinni nyaataa fi qorichaas mooricha keessatti mul’achuun dhibeen hedduu nu hubaa jira jechuun dubbatanii jiru.


