ONM-ABO Sadaasa 7, 2024
Impaayera uleen seeraa wal-qixxummaan keessatti hin hojjenne, abbaan qabeenyaa, warreen aangoo of harkaa qabanii fi namoonni deggertoonni paartii mootummaa deggeran qofti nagaan keessa jiraatan Itiyoophiyaa keessatti, namoonni haqa of harkaa qaban dharaan yakkamuun dhaddacha sobaan lubbuun obbaafamuu, hidhamuu fi qaamaa qalbiin ijibbaatanii weeraramanii jiraachuun kan baratameedha.
Gaaffiin lubbuu ofiin jiraachuu, karaa sirriin yaada of ibsachuu, miidhaa sabaa dubbachuu fi hawaasummaan rakkoo furachuun keessatti kan hin baratamne Itiyoophiyaan, impaayerri dhiiga ol adeemtotaa nyaachuun ijaaramte har’as gara laafummaa tokko malee saba Oromoof gaaddisa ta’uu irra dirree irratti gubatan taatee jiraachuu jiraattonni rakkoolee impaayerattiin hiraarfamaa jiran miira gaddaan dubbatu.
Namootni nagaan maqaa hirmaannaa siyaasaa keessatti argamtan jedhuun dharaan yakkamanii manneen hidhaatti guuramuuun cimee itti fufuun jiraattonni godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa wagggotaa oliif yakka malee manneen hidhaatti darbatamuun hiraarfamaa jiraachuu ONM’tti himan.
Namoota maqaa isaanii:
- Taammiraat Baayiluu,
- Lammeessaa Obboshaa Mohaammed Addisuu,
- Wayyeessa Taarikuu,
- Taarikuu Takkaa,
- Geediyoon Habtee, fi namoonni biroon ammaaf maqaan isaanii nu hin geenye hedduun aanaa Daaboo Haannaa ganda Cittuu Qarkaa irraa qabamuun mana hidhaa magaalichaatti dararamaa jiraachuun beekameera.


