ONM-ABO Sadaasa 7, 2024
Sirni heeraa fi seera barreeffamaan jiru afaaniin lallabuu malee hojii irra oolchuu hin feene namoota nagaa qorannoo seeraa malee osoo mana murtiitti hin dhiheessin ajjeechaa raawwatan jabeessuun siyaasa keenyatti buutan maqaa jedhuun lubbuu fi qabeenyaa ala taasisuu jabeessanii jiru.
Aanaa Doobbaa araddaa Urjii jedhamu irraa Sadaasa 2, 2024 milishoonni ergama bilxiginnaa ba’uuf jecha hawaasa garmalee dararaa jiran badii tokko malee dargaggoota 3 osoo isaan jimaa gurgurachuuf baatanii deemanii miidhaa lubbuu fi qaamaa irraan ga’ee jira.
Dargaggoota maqaan isaanii Saabit Muusaa Alishoo fi Shaambal Taadduu Maammoo jedhaman rasaasa itti roobsuun madoo ulfaataa yoo taasisan, dargaggoo maqaan isaa Alishoo jedhamu immoo ajjeesanii gatanii deemuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni araddichaa himanitti, dargaggoonni kunneen badii tokko kan hin qabnee fi siyaasa kam keessa kan jirre ta’uu himuun, diinotni uummata Oromoo kun dargaggoo Saabitiin mataa isaarra hoggaa dha’an, Shaambaliin immoo afaan keessa rukutuun madoo ulfaataa taasisanii maatiin waliin dararamaa jiru.
Milishoonni Bilxiginnaa gocha gara jabinaa kana dargaggoota irratti raawwatan kanneen maqaan isaanii:
- Aliyyii Adam,
- Abiraahim Huseen,
- Jamaal Adamii fi
- Kurfaa kanneen jedhaman yoo ta’an, dararaan hawaasa irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun, hawaasni sababa humna goolessituu sirnichaa milishaa fi riphee lolaa jedhaman kanaan akka itti ba’ee galu dhabee rakkataa jiraachuunis itti dabalamuun ibsameera.

