• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti loltoonni impaayera Itiyoophiyaa jiraattota jalaa mana gubuu, hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufan

Nov 7, 2024

ONM-ABO Sadaasa 6, 2024 

Sabni Oromoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti hacuuccaa sirna alagaan baroota dhufaa darbaa saboota kan biroo irraa addatti gidiraa hamaa argaa har’a ga’uun nama kam jalaayyuu kan hin dhokanne yoo ta’u, addatti ammoo bara bilxiginnaan   maqaa Oromoo dhahatee masaraa kiiloo afur jiruun kan baroota darbaniin olitti duula qindaa’aa duguuggaa sanyii keessummeessaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti loltoonni impaayera Itiyoophiyaa jiraattota jalaa mana gubuu, hidhuu fi saamuu itti fufanii kan jiran yoo ta’u, ganda Loggomaa Yaboot keessaa  ji’oota darbe keessa namoota maqaan isaanii:

  1. Abbabaa Atoomsaa,
  2. Jaambii Bochee,
  3. Dachaasaa Abbitoo,
  4. Burruusee Taajjabaa,
  5. Daamxoo Palamaa,
  6. Tarrafaa Bochee,
  7. Agarii Baay’isaa,
  8. Giraany Bochee fi kanneen biroo hedduu ta’an jalaa waraanni sirnichaa badii tokko malee mana jireenyaa isaanii qabeenya guutuu waliin ibiddaan barbadeessanii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Oduu hidhaatiin ammoo yerooma wal fakkaataatti ganduma kana irraa jiraattota maqaan isaanii:

  1. Dhimmee Toleeraa,
  2. Damee Tolasaa,
  3. Bojaa Araarsaa,
  4. Tarrafaa  fi kanneen biroo hedduu ta’an sababa tokko malee aanichatti hidhanii dararaa jiraachuun ibsameera.

Kana malees bulchiinsa magaalaa Kaachis irraa ergamtoonni bilxiginnaa kunneen gubaatii manneenii ittuma fufuun ji’uma darbe keessa ganda Fidaaruu Gobotaa jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Battuulaa Gonfaa,
  2. Tasammaa Kabbadaa,
  3. Taaffaree Gumgumaa,
  4. Kiisii Yirdaawu fi kanneen biroo hedduu jalaa ibidda itti shiduun mana jireenyaa isaanii qabeenya hunda waliin jalaa barbadeessanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Oduu saamichaatiin ammoo ganduma kana irraa ergamtoonni sirnichaa:

  1. Shibbiruu Ingidaa jalaa loon 30,
  2. Baduusee Ejjetaa jalaa loon 27 akkasumas
  3. Gangashaa Gaddafaa jalaa qotiyyoo 2 osoo inni qonna qotaa jiruu hiiksisuun qalatanii nyaatanii jiraachuun himamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading