• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaatti ergamtoonni bilxiginnaa dirqamaan Baargamoo jiraattotaa cirsiisanii balleessaa jiraachuun ifoome

Nov 7, 2024

ONM-ABO Sadaasa 7, 2024 

Lukkeeleen bilxiginnaa waanuma isaanitti fakkaate uummata irratti fe’uun “yoo siif ta’e fudhadhu, jibbite dhiisi” jechuun nama waan isaan jedhan dhiise irratti hidhaa, reebicha, qarshii adabuu, achi buutee dhabamsiisuu, ajjeesuu fi gochoota suukkanneessoo adda addaa irratti raawwachuun fedhii uummata Oromoo malee “anatu siif ta’aadhaan” walii isaaniitii wal muudanii hawaasa meesha maleessa irratti dararaa hammeessanii jiru.

Aanaa Ada’aa Bargaa gandoota hunda keessatti ergamtoonni bilxiginnaa torban lama dura irraa eegaluun biqiltuu baargamoo jiraattonni ooyiruu isaanii irraa qaban akka ciranii balleessan dirqamsiisaa jiru. Ganda Siree Bargaa jedhamu keessaa immoo haala adda ta’een biqiltuu Baargamoo uummataa balleessaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsan.

Jiraataan gandichaa ONM dubbise tokko akka himetti, “murni nama nyaataan karaan harkaa badee jiru karoora mataa fi miilla hin qabne baasuun jaanja’aa kan jiru “ganna-ganna biqiltuu dhaabaa nuun jedha  nutis dirqamaan biqiltuu jedhame dhaabaa turre. Bona-bona abiddaan gubaa jechuun jireenya keenyatti qoosaa jira jedhu.

Kanarraa kan hubannu, karoorri sadarkaa afaanii qofti ergamtoota Bilxiginnaan wixineeffame hojii irra oolaa kan hin jirre ta’uu mul’isa. Yeroo ammaa kana biqiltuu baargamoo jiraattonni ooyiruu isaanii irraa qaban akka ciranii balleessaniif lukkeeleen bilxiginnaa dirqamsiisaa jiraniin hawaasni nagaan waan tokko quba hin qabne rakkoo hamaa keessa jira” jechuun dubbata.

Jiraataan gandichaa kan biroon immoo, kana dura godina Jimmaa keessaa haaluma kanaan wal fakkaatuun Baargamoo uummataa gogsuu fi ciranii balleessuu dhaga’aa turre. Yeroo ammaa kana immoo “oomisha baala shaayii” maqaa jedhu dahoo godhachuun baargamoo uummataa humnaan cirsiisanii balleessanii akka jiraattonni beelaa fi gadadoo keessatti hafan gochuuf kan yaadame ta’uu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading