ONM-ABO Sadaasa 7, 2024
Lukkeeleen Bilxiginnaa safuu, eenyummaa fi duudhaa Oromummaa tokko illee kan hin kabajnee fi naamusa waraanumaa kan hin qabne ta’uun bakka deeman maratti uummata Oromoo irratti yakkoota farra namoomaa adda addaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, godina Lixa Wallaggaa aanaa Begiitti jiraattota irratti saamichaa fi butii shamarraniis raawwachaa jiraachuun himamee jira.
Aanaa Begii keessatti shiftoonni Abiy Ahimed uummata nagaa irratti saamicha daangaa darbe raawwachaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kanas ganda Gabaa Kamisaa keessaa ijoollee daa’ima barnoota irraa ukkaamsuun waraanatti ergina yookaan qarshii 30,000 fidaa jechuun maatii irraa saamaa jiru. Kanneen maatiin isaanii kaffaluu hin dandeenye ammoo gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran ta’uu jiraattuun gandichaa tokko ONM’tti himtee jirti.
Kana malees gandichuma keessaa Sadaasa 5, 2024 shamarran maqaan isaanii:
- Ayyaantuu Tashoomaa,
- Ibsituu Qajeelaa fi
- Suudee Tamaam jedhaman irraa ammoo bilbila harkaa saamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Aanichuma ganda Toobbii jedhamu irraa ji’a tokko dura ergamtoonni miira isaaniif garboomanii fi safuu akkasumas safeeffannaa hawaasichaa homaallee hin kabajne kunneen shamarran Oromoo 3 kanneen maqaan isaanii:
- Bashaatuu Mahaammad,
- Shukkaaree Kaliifaa fi
- Booddanee Qajeelaa jedhaman fedhii isaanii malee barnoota isaanii irraa humnaan butanii kan jiranii fi shamarran kunneen daa’imman umuriin isaanii gaa’elaaf hin geenye akkasumas fedhii heerumaa hin qabne ta’uu itti dabaluun himuun, gaa’ila fedhii malee ijaarratan kanaan reebichi mana keessatti irra ga’u guddaa ta’uun barameera.
