• Tue. Jan 13th, 2026

Hoogganaan mirga namoomaa Mootummoota Gamtoomanii waldhabdee filannoo booda Mozaambiik keessatti mudate akka hin hammaanne gaafate

Nov 7, 2024

ONM-ABO Sadaasa 7, 2024 

Hoogganaan mirga namoomaa  Mootummoota Gamtoomanii roobii kaleessaa Mozaambiik keessatti waldhabdeen filannoo booda yoo xiqqaate lubbuu namoota 20 galaafate dabalaa dhufuu isaatiin yaaddoo isaanii ibsuun, hamma kana akka hir’atu gaafataniiru.

“Filannoo booda Mozaambiik keessatti taateewwan yaaddoodhaan hordofaa tureera, gabaasa jeequmsaa guutuu biyyattii keessatti mul’ateen baay’ee na sodaachisa,” jechuun Volker Turk ibsa kenneen dubbateera.

Adeemsa filannoo keessatti jeequmsi ”bakka hin qabu” jechuun ”komiin filannoo booda ka’u marii hunda hammatee fi adeemsa abbaa seerummaa walaba ta’een, mirga namoomaa fi olaantummaa seeraa waliin walsimuun karaa nagaa furmaata argachuun murteessaadha” jedhan.

Lakkoofsi namoota jeequmsa filannoo booda mudateen du’anii gara 24tti ol guddachuu gareen mirga namoomaaf falmu Giddugala Dimokiraasii fi Mirga Namoomaa ibseera.

Filannoo pirezidaantii Onkoloolessa 9 gaggeeffame hordofuun hookkarri biyya Kibba Afrikaa kana kan liqimse yoo ta’u, filannoo pirezidaantii mootummaa biyya bulchaa jiru Daani’eel Chaapoon Adda Bilisummaa Mozaambiik (Frelimo) irraa sagalee %70 argachuun injifate jedha Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa.

Waajjirri Mirga Namoomaa  Mootummoota Gamtoomanii akka hubachiisutti, mormiin Onkoloolessa 21 ajjeechaa bakka bu’oota siyaasaa olaanoo lama Elvino Diyas fi Phaawulos Guwambe hordofuun jalqabe ergasii hammaate.

”Poolisiin mormitoota irratti rasaasa kallattiin dhukaasuun lubbuu namoota hedduu galaafateera, akkasumas loogii tokko malee gaazii imimmaanessu itti fayyadamaniiru,” jedheera.

Waajjirri kun namootni dhibbaan lakkaa’aman ”akka feeteen  to’annoo jala ooluu, gaazexeessitoonni, abbootiin seeraa fi falmitoonni mirga namoomaas rakkachuu fi sodaachifamuu” dubbateera.

Qondaalli tokko ajjeefamuu isaa kan ibse yoo ta’u, fayyadamni interneetii waan  daangeffameef odeeffannoo argachuu irratti dhiibbaa akka qabu gabaasni jiraachuu ibseera jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading