• Fri. Mar 13th, 2026

Miseensi waraana raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee fi hidhannoo guutuu waliin Kaaba Shaggar Aanaa Dharraa keessatti WBO’tti harka kennate

Nov 7, 2024

ONM-ABO Sadaasa 7, 2024 

Murni faashistii PP lola mo’achuu hin dandeenye lammiilee isaa waliin guyyoota aangootti maqaa jijjiiramaan bu’aa warraaqsa uummata Oromoo butee dhufee kaasee geggeessuu eegaluun, akeekaa fi kaayyoo isaanii akka raawwataniif ammoo dargaggoota Oromoo manneen amantii, gabaa, mana barumsaa fi daandii gubbaa irraa humnaan qabanii leenjii waraanummaa kenneefii akka saba isaanii lolaniif bobbasanis dargaggoota Oromoo dabalatee sabaa fi sablammootni mooraa Bilxiginnaa gananii WBO’tti harka kennachuu itti fufaniiru.

Qoraan abiddaa kaayyoo badii Abiy Ahimediif ani hin ta’u kan jedhe ilmi Oromoo tokko giddu galeessa Oromiyaa Kaaba Shaggar aanaa Dharraa irraa Sadaasa 6, 2024 mooraa waraana Bilxiginnaa ganuun qawwee fi hidhannoo waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatee jira.

Ilmi Oromoo loltoota PP aanaa Dharraa qubatanii jiran keessaa ganuun WBO bira ga’e kun ajajaa humnaa yoo ta’u, qawwee AKM Turkii 1 hidhannoo waliin mooraa diinaa keessaa baasuun qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Loltuun PP duraanii kun simannaa isaaf taasifametti gammaduun, ilmaan Oromoo achi keessatti hafaniin aarsaa gatii hin qabne kaffalaa jirtu, adeemsi Bilxiginnaa akka isinis ta’e saba keessan hin baasne beektanii yeroon WBO’tti makamaa jechuun dhaamsa dabarseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading