• Mon. Mar 16th, 2026

Naannoo Beenishaangul Gumuz Magaalaa Asoosaa keessaa ilmaan Oromoo ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufe

Nov 7, 2024

ONM-ABO Sadaasa 7, 2024 

Murni Bilxiginnaa naannoo Oromiyaan alattillee kutaalee impaayerattii hunda keessaa saboota kan biroo irraa addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun lola isaan hin ilaallanne irratti hirmaachisee ficcisiisuuf jecha gara leenjii waraanaatti dirqamaan guuraa kan jiran yoo ta’u, haaluma kanaan Naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa keessaa ilmaan Oromoo humnaan ukkaamsee gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufee jiraachuun himamee jira.

Magaalaa Asoosaa keessa kan jiraatan sabaa fi sab-lammoota hedduu yoo ta’an, addatti ammoo yeroo ammaa kana waraanni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo magaalicha keessa jiraatan saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin adamsee qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees magaalicha keessatti ilmaan Oromoo addatti xiyyeeffannoo itti kennuun qabanii hidhaan dararuu fi doorsisanii maallaqa irraa fudhachaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading