ONM-ABO Sadaasa 8, 2024
Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu dadhabuun of duuba deebi’anii duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachaa kan jiran waraanni Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa mara keessatti maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi ilmaan yookaan fira keessantu miseensa WBO’ti” jedhuun ajjeechaa hawaasa nagaa irratti raawwatan jabeessuun, godina Lixa Shaggar aanaa Daannootti dargaggeessa tokko haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuun himamee jira.
Aanaa Daannoo ganda Dirree Daannoo jedhamu keessaa Sadaasa 5, 2024 ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Gammachiis Taakkalaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti, dargaggoon ajjeefame kun deggeraa paartii siyaasa kamiiyyuu kan hin taanee fi hojii dhuunfaa isaa hojjechuun ofii fi maatii isaa kan gargaaru ta’uu himuun, waraanni Bilxiginnaa ammoo maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo quunnamta” jedhu itti maxxansuun naasuu tokko malee ajjeesanii deemaniiru. Aanichatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa loltoota sirnichaan hammaatee jiraachuus itti dabaluun himaniiru.

