ONM-ABO Sadaasa 8, 2024
Bu’aa siyaasaa argachuuf murnoonni dhufaa darbaan uummata Oromoo irratti xaxaa siyaasaa oofaa har’a kan ga’an, Bilxiginnaanis bara isaa daranuu cimsee itti fufee jira.
Walitti bu’insa sabaaf sablammoota gidduutti uumamuun aara galfii isaaniif akka kennutti Kan amanu murni garboomfataan PP hawaasa Oromoo daangaa naannoolee biroo waliin hidhata qaban irratti duulli sanyummaa akka banamuuf tattaaffii gochaa jiraniin Sadaasa 6, 2024 humnoonni addaa Naannoo Beenishaangul Gumuz daangaa Oromiyaa kallattii addaa addaan cabsanii seenuun hawaasa irraan miidhaa ga’uun addeeffameera.
Yeroodhaa yerootti humnoota hidhatan bobbaasuun ajjeechaa, saamicha qabeenyaa fi namoota hidhatti guuruun cinatti, lolli daangaa Oromiyaa ce’ee akka babaldhatuuf tumsi bilxiginnaan humnoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo, humna addaa naannoo Beenishaangul Gumuz fi humnoota riphee lolaa Gumuz tumsuun Oromiyaa weeraruuf kallattii addaa addaan bobbaasaa jiru ragaadha.
Gama biraatiinis tibba kana uummata ollaa nagaan jiraachaa jiru walitti buusuu fi maq- balleessii ABO-WBO irratti oofuuf jecha miliishootaa fi lukkeewwan qabsoo gantee galte dabalatee humnoota waraana isaanii rifeensa namtolcheen faayuun daba geggeessaa kan jiran yoo ta’u, xumura baatii Onkoloolessaa keessa poolisootni Mootummaa Naannoo Soomaalee daangaa Oromiyaa seenuun uummata Oromoo irraan miidhaa geessisanii turuun ni yaadatama.

