• Tue. Jan 13th, 2026

Sudaan ammallee daandiin qaxxaamura gargaarsaa banaa ta’ee akka turu murteessuu hin dandeenye, biyya waraanaan miidhamaa jirtu kanaaf gargaarsi ga’aan lammiilee qaqqabaa akka hin jirre qaamoleen dhimmi ilaallatu ibsan

Nov 9, 2024

ONM-ABO Sadaasa 8, 2024 

Gargaarsi namoomaa akka darbuuf haala mijeessuuf ji’oota sadiif Sudaan koridoorii daangaa qaxxaamuraa Adree banaa ta’ee akka turuuf hanga ammaatti murteen hin kennamne jechuun ergamni Sudaan  Mootummoota Gamtoomanii Jenevaatti argamu Kamisa kaleessaa ibseera.

Bakka bu’aan dhaabbataa Sudaan Hassan Hamid Hassan, koridoorii kun garee waraanaa gartokkee Humnoota dafee qaqqabaa (RSF)tti “meeshaa waraanaa geejjibuuf” karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamaa jira jechuun yaaddoo mootummaa irra deebi’ee ibseera.

Dhaabbanni UAE fi RSF jalqaba bara kanaa himannaa kana fudhatama dhabsiisus, ogeeyyiin UN garuu amanamaa ta’uu himan.

“Ji’oota sadan kana keessatti sochii konkolaattota gargaarsa namoomaa karaa koridoorii hunda itti dhiyeenyaan hordofaa turre, koridoorichi ammallee miidhaa jala akka jiru, ammallee gargaarsa namoomaa malee kaayyoo biraatiif akka oolu ragaa barbaachisaa arganne,” jechuun Hassan ibsa kennaniin dubbatan.

Gaaffii dhiyaateeeef deebii kennaniin, murtoon dhumaa haala Adree irratti kennamu hanga Sadaasa 15tti akka ifoomu ibsaniiru

Mootummaan Sudaan kenniinsa gargaarsaa haala mijeessuuf kutannoo akka qabu cimsanii kan ibsan yoo ta’u, hanqina maallaqaa fi argamuun milishaa itti fufee jiru  gufuulee gurguddaa ta’uu isaanii ibsaniiru.

“Qormaanni lakkoofsa tokkoffaan maallaqa, qormaanni lakkoofsa lama ammoo dhimma sarara qaxxaamuraa dha,” jechuun, buufatawwan sakatta’iinsa milishaa guutuu Sudaan keessatti hin to’atamne konkolaattota gargaarsa namoomaaf karaa nageenya qabu akka walxaxaa taasisu ibsaniiru.

Yaaddoon jiraatus, Hasan mootummaan Sudaan mariif banaadha jechuun ibseera.

“Nuti banaa taanee jirra, filannoowwan waraana deemaa jiru kana xumuruu danda’an kamiyyuu ilaaluuf qophiidha, sababiin isaas kun biyya keenya, amma guyyaa guyyaan badiisa akkasii jala jirti waan ta’eef,” jechuun dabaluu isaanii BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading