• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yemaaloogii Walalitti daldalaan horii tokko waraana maafi’aa PP’n ajjeefame

Nov 10, 2024

ONM-ABO Sadaasa 10, 2024 

Ajjeesuu qofti akka waan furmaata ta’eetti ga’umsa dharaan of faayuun gootummaa isaanii hawaasa harka duwwaatti kan agarsiisan lukkeeleen Bilxiginnaa guutuu Oromiyaatti namoota nagaa ajjeesuu cimsanii itti fufaniiru.

Sadaasa 7, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Yemaaloogii Walal ganda Masaraa Hawusaatti daldalaa horii kan ta’e nama maqaan isaa Girmaa Yooseef jedhamu yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun ibsameera.

Waraanni daldalaa kana ajjeestes bulchiinsa magaalaa Tajjoo irraa gara ganda Masaraa Hawusaatti maqaa sakattaa WBO’n bobbaa’anii qabeenyaa namootaa saamuu fi gariin namootaas maqaa hidhata WBO qabdu jedhuun reebicha ulfaataa irratti taasisuun akka hidhanis ibsameera. 

Kana malees akka guutuu onichaatti hawaasni gandoota baadiyyaa irraa bittaa fi gurgurtaaf jecha oggaa gara aanichaa deemu qabamee hidhamuu, qabeenyaan isaa saamamuu fi doorsisni adda addaas yeroo yeroon irratti raawwatamaa akka jirus itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading