• Wed. Jan 14th, 2026

Haalli imaammata alaa Baayiden injifannoo Tiraamp bara 2024 booda qorannoon isa gaggeeffame

Nov 10, 2024

ONM-ABO Sadaasa 10, 2024 

Filannoo pirezidaantii Sadaasa 5 US keessatti gaggeeffame irratti Donald Trump injifachuu isaaniitiin, hambaan imaammata alaa bulchiinsa Baayiden-Haariis qorannoo jala galeera.

Waggoota afran darban keessatti, prezidaant Joo Baayiden, Ministira Dhimma Alaa Antonii Bilinkenii fi Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Jake Sullivan waliin ta’uun, weerara Raashiyaa irratti, Yukireeniif deeggarsa cimaa, Chaayinaa waliin ejjennoo dorgommii fi keessumaa Israa’eliifis deggararsa kennaniiru .

Bulchiinsi Baayiden, kan Ammajjii. 20, 2021 kakate, ”gahee Ameerikaan dippilomaasii addunyaa keessatti qabdu irra deebi’ee mirkaneessuu” fi gamtaa yeroo Tiraamp jalatti dhiphate deebisuuf xiyyeeffannoo kennuudhaan jalqabe.

Baayiden imaammata bara Tiraamp hedduu isaanii duubatti deebisuun ajaja hojii raawwachiiftuu 10 mallatteessaniiru. Kunis kan akka Waliigaltee Haala Qilleensaa Paarisitti deebi’anii makamuu, Pirojektii Ujummoo Keystone XL haquu, uggura viizaa biyyoota Muslimoonni baay’inaan keessa jiraatan tokko tokko irratti kaa’uu fi ijaarsa dallaa daangaa dhaabuu dabalatee turan.

Utuu hin turin Baayiden deebi’ee Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)tti makamee guyyoota 100 jalqabaa keessatti ajaja hojii raawwachiiftuu 42 mallatteesse.

Utubaa giddu galeessaa imaammata alaa bulchiinsa Baayiden kan ta’e weerara Raashiyaan Guraandhala 2022 hordofee Yukireeniif deggarsa cimaa taasisde ture.

Bulchiinsi kun sirna ittisa qilleensaa murteessaa ta’e kan akka misaa’ela Paatriyaat fi meeshaalee waraanaa biroo dabalatee gargaarsa ittisaa doolaara biiliyoona 64.1 kan kenne yoo ta’u, seenaa dhiyoo keessatti waadaa Ameerikaan michuu biyya alaa tokkoof galte keessaa isa guddaadha.

Bulchiinsi Baayiden michoota Awurooppaa NATO xiyyaarota waraanaa F-16 dabalatee deggarsa waraanaa akka gumaachan kan jajjabeesse yoo ta’u, Yukireen ammoo kallattiin Moskoo waliin akka hin hammaanneef meeshaa waraanaa Ameerikaan hojjetame dachee Raashiyaa irratti akka hin fayyadamne akeekkachiiseera.

Tiraamp garuu baasii bal’aa Baayiden Yukireen irratti baasu irra deddeebiin qeequun, yoo irra deebi’anii filataman deeggarsa kana xumuruu fi malli adda baafamuu akka fedhu mirkaneessaniiru.

Haala imaammata alaa Baayiden keessatti wantoota falmisiisaa ta’an keessaa tokko haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 raawwatame hordofee waldhabdee Gaazaa keessatti uumameef deebii kennedha jechuun BBCn gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading