ONM-ABO Sadaasa 10, 2024
Sudaan Kibbaatti lolaa hamaa mudateen naannoo namoota miliyoona 1.4 kan miidhe yoo ta’u, namoonni 379,000 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru jedha odeeffannoon haaraan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waa’ee dhukkubni busaa dabaluu akeekkachiise.
Dhaabbileen gargaarsaa akka jedhanitti, biyyi addunyaa irratti dhiyoo hunfooftee fi jijjiirama qilleensaaf saaxilamtuu taate, lolaa hamaa waggoota kurnan darban keessatti mudateen miidhamteetti.
Waajjirri Qindeessaa Dhimma Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OCHA) akka jedhetti, aanaalee 43 fi naannoo falmisiisaa Abiyyee kan Sudaan Kibbaa fi Sudaan himattu keessatti namoonni gara miliyoona 1.4 ta’an lolaadhaan miidhamaniiru.
“aanaalee 22 fi Abyei keessatti namoonni dhuunfaa 379,000 ol buqqa’aniiru,” jechuun ibsa Jimaata galgala baaseen dabalee addeesseera.
Kutaalee hedduu keessatti dhukkubni busaa dabaluu isaatiin “sirni fayyaa humna ol ta’ee fi naannoo lolaan miidhame keessatti haalaa fi dhiibbaa hammeessa” jedheera.
Erga bara 2011 Sudaan irraa walabummaa argatte as sabni addunyaa kanarraa dargaggeessa ta’e kun tasgabbii dhabuu yeroo dheeraa, jeequmsaa fi dhaabbii dinagdee akkasumas balaa qilleensaa kan akka gogiinsaa fi lolaadhaan rakkachaa jirti.
Baankiin Addunyaa baatii darbe akka jedhetti lolaa yeroo dhiyootti mudate “haala gargaarsa namoomaa duraanuu murteessaa ta’ee fi wabii nyaataa hamaa, kufaatii dinagdee, walitti bu’iinsa itti fufiinsa qabu, weerara dhukkubaa fi bu’aa waldhabdee Sudaan” kan namoonni kuma dhibba hedduu dhangala’uun Sudaan Kibbaa seenan hammeessaa jira jedhe.
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona torbaa ol wabii nyaataa dhabuu fi daa’imman miliyoona 1.65 hanqina soorataa akka qaban Sagantaan Nyaataa Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ni mul’isa jechuun AFPn gabaaseera.





