• Mon. Jan 12th, 2026

Murni Bilxiginnaa waltajjii torban tokkoo oliif turu kan mata dureen isaa Abjuu jedhu Aanaalee Oromiyaa hundatti adeemsisaa jiraachuun beekame

Nov 10, 2024

ONM-ABO Sadaasa 9, 2024 

Gareen badii Bilxiginnaan afaaniin badhaadhina faarsuu, kijiba maqaa guddina impaayerattii fi jijjiirama amansiisaa argamsiisuu jedhuun irra deddeebiin waltajjii teessisuu hojii idilee godhatee jira.

Dirree hiyyummaan keessatti hidda yaafate Itiyoophiyaatti osoo hawaasni qaala’insa jireenyaan hiraarfamuu, biyyoonni addunyaa maallaqa biliyoonotaan  liqii irraa qabanii, abjuu milkiin isaa dukkana halkanii ta’een burjaajii uumuuf fakkeessiin taasifamaa jiru daranuu jabaachuu jiraattonni dubbatu.

Aanaalee Oromiyaatti torban darbe irraa kaasee qajeelfama qaamolee aangoo impaayerrattii qaban olaanoo irraa ajajni darbee waltajjii mata dureen isaa ‘abjuu’ jedhu irratti maree bal’aan adeemaa akka jiru hirmaataan waltajjii sanaa tokko ONM’f yaada isaa qoodeera.

Kaayyoon waltajjii sanaas waraana Bilisummaa Oromoo fi uummaticha addaan qooduuf kan wiixineffame ta’uus himuun, seelii WBO kan ta’an ajjeesuun dhabamsiisuu qabna jedhanii hawaasa bal’aa irratti marii dabaa geggeessaa akka jiranis himeera.

Waltajjiin impaayera Badhaatuu uumna jechuun waan hawaasichi of harkaa hin qabne ta’uu dandeessa jechuun hojii amantaa ykn hafuuraa fakkaatu irratti yeroo dubbatamaa jiru kanatti barsiisaan miindaan isaa ga’uu dadhabee maqaa barsiisaa laqaana nyaachisuu jedhuun yeroo harka namaa eeggatu, uffata jijjiirrachuu dadhabee fi barattoota waliin doormii keessa bulaa jirutti ta’uun dubbii fi abjuu koloneel Abiy Ahimed maal akka ta’e namootaaf ifaa akka hin taanee qaamolee hedduun dubbatamaa jira.

Inumaayyuu maallaqa doolaara biliyoonaan IMF fi World bank irraa liqeeffachaa biyyoota ollaaf liqii kennine jechuun yeroo dubbatanitti  lakkoofsi impaayerattii keessatti gargaarsa barbaadanii miliyoona 20 ol ta’uun bulchiinsa Abiy Ahimed jalatti lammiileen lakkoofsaa fi dubbii sobaan osoo hin nyaanne akka nyaatanii bulaa jiranitti ibsamaa akka jiru ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading