ONM-ABO Sadaasa 11, 2024
Sirni aantummaa sabaa hin qabne impaayerri Itiyoophiyaa, waggaa 150 oliif jiruu fi jireenya uummata Oromoo qorqee jiraachuu bare, daa’imaa hanga maanguddootti ilaalchi namummaa maluuf ajjeesaa, hidhaan dararaa, saamaa aangoo siyaasaa isaa tursiisuuf diimokiraasii sobaa lallabaa hanga har’aatti cubbuu hamaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jira.
Haaluma kanaan godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu Bulchiinsa Magaalaa Birrittii keessatti waraanni fi kaadirootni PP maqaa gibira jedhuun uummata jiraachuufiyyuu qaala’iinsi jireenyaa, dhihaa fi barii wallaalchisetti, namni kaaree meetirii 200 qabu qarshii 7,000 akka kaffaluu fi namoonni kaaree meetirii 1000 qaban immoo qarshii kuma soddomii shanii 35,000 akka kaffalan jechuun waltajjiin walitti qabanii afaan qawween doorsisuun kallattii kaa’anii jiru.
Achuma aanaa Kuyyuuu gandoota baadiyyaa keessattillee namni gad-aanaa kaffalu qarshii 2,000 jechuun uummatni dararamaa jiraachuu dubbatu.
Akka jiraattotni gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti, “sirni garbomfataan Bilxiginnaa dirree uumaan irratti bilisaan nu uume irratti gatii humnaa olii armaan dura dhagaa’amee hin beekne kaffaltan malee hin jiraattan jechuudhaan mirga namummaa nu hanqisee, qabeenyaa keenya irratti gatii nu kaffalchisaa jira jechuun, rakkoo kana keessaa ba’uuf carraan nuti qabnu Waraana Bilisummaa Oromoo cinaa hiriirree roorroo hamaa karaa Bilxiginnaan nurra ga’aa jiru kana ofirraa fonqolchuu qofa ” jechuun ONM’tti himaniiru.

