• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti waraanni faashistii PP dargaggoo tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesan

Nov 12, 2024

ONM-ABO Sadaasa 12, 2024 

Loltoonni sirnichaa Oromummaa qofaaf uummata Oromoo qe’ee isaa irratti hadheeffachuun yakkanii hidhaa hanga ajjeechaatti irratti raawwaachuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Sayyoo ganda Aannoo Mikaa’il jedhamu keessatti Sadaasa 9, 2024 waraanni Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Gaarummaa Abdiisaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam irraa bilisa kan ta’ee fi ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo sababa tokko malee bakka inni loon tiksaa jirutti itti dhaquun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu dubbatu.

Murni Bilxiginnaa qaala’iinsa jireenyaan uummata waadaa, warreen hojjetanii of jiraachisuu danda’an humnaan qabee leenjii kennuufiin irbaata rasaasaa godhaa kan jiru yoo ta’u, kan hafan ammoo qe’ee irra deemee maaliif na deggeruu diddan jechuun ajjeesaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading