ONM-ABO Sadaasa 12, 2024
Heerri fi seerotni barreeffamaan jiran namni tokko umuriin isaa ganna 18 darbinaan badii isaaf maatiin itti gaafatamuu akka hin qabne ibsus, garuu faallaa isaa ammoo murni jalqabuma fakkeessii fi goyyomsaan lafa qabate Bilxiginnaan maatii qabsaa’otaati ittiin jechuun umurii fi saalaan osoo adda hin baasin badii isaanii malee hidhaa, saamicha, gubaatii manneenii fi ajjeechaa irratti raawwachaa jira.
Bu’uuruma kanaan, Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti Sadaasa 8, 2024 waraanni faashistii PP maatii qabsaa’otaa kan ta’an namoota 3 dhalattoota aanaa Dawwee Harawaa fi aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Kamisee kan ta’an namoota maqaan isaanii:
- Huseen Sheek Usee,
- Mahammad Gabraddiin fi
- Aliyyii Mahaammad Huseen kanneen jedhaman reebicha rifaasisaa argaa namaatti hin tolle qaama isaanii irratti raawwachuun qarshii fi bilbiloota harkaa irraa saamanii magaaluma Kamisee mooraa waraana raayyaa ittisa impaayerattiitti galchuun dararaa akka jiran ibsameera.
Akka hiriyootni namoota hidhamanii jiran kanneenii dubbisne tokko tokko jedhanitti, waraanni faashistii PP kun milishoota of dura buusuun magaalaa keessa deemanii maatii qabsaa’otaa nu agarsiisaa jechuuniin milishoonni ammoo iddoo maatiin qabsaa’otaa kun jiran hawaasa uleedhaan tumuun dirqiin himsiisanii naannoo isaan jiran geessuun qabsiisu.
Dargaggoonni reebichi irratti raawwatee hidhaman kun namoota siyaasa kam irraa bilisa ta’anii fi jireenya isaanii qofa kan jiraataniidhas jedhan.
Itti dabaluunis dargaggoonni kun badii miidhaa hanganaa irraan ga’u hojjetaniif osoo hin taane kan yakka ta’e obboleessi keessanii fi abbaan keessan miseensa WBO ta’ee nu fixaa jira maqaa jedhuun galgalaa fi ganama mooraa waraanaa keessaa baasuun miidhaa qaamaa ulfaataa ilma namaa tokko irra ga’uu hin qabne irraan ga’anii yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiru.
Maatiin illee deemanii arguu akka hin dandeenye dhorkamanii jiraachuus hiriyootni isaanii kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
