ONM-ABO Sadaasa 11, 2024
Roorroo alagaa jalatti erga kufee uummanni Oromoo harqoota gabrummaan hiraarfamee, gaafatee dhageettii dhabuu, qonnaa irraa ugguramuu, ba’ee nagaan galuu fi jiraachuuf wabii jireenyaa dhabuun abdii kutannaa guddaa keessa seenee jira.
Akkuma kanaanis jiraattonni godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii waraana faarsitoota abbaa irree Abiy Ahimediin ooyiruu isaanii irraa oomisha miidhanii qulleeffatanii akka hin galfanneef ugguramanii jiraachuun ibsameera.
Sadaasa 8, 2024 aanaa Sooddoo Daaccii ganda Waffee keessatti sababa ugguraa kanaanis namoonni abdii kutannaa keessa seenuun hanga lubbuu ofii baasuu irra ga’uun, Obbo Taliilaa Darsoo kan jedhamu doorsisa waraana kanaatiin lubbuu isaa balleessuun beekameera.
Uummata akka midhaan hin haammanne dhorkaman kanneen jalaas roobni roobee midhaan balleessee kan jiru ogguu ta’u, egereen hawaasa kanaas yaaddoo keessa galee jiraachuun ifoomeera.

