ONM-ABO Sadaasa 13, 2024
Aarsaa fi wareegama qeerroo fi qarreen ilmaan Oromoo kaffalan bu’aa isaa butee gara aangoo siyaasa impaayerattiitti kan dhufe Abiy Ahimed umurii aangoo isaa dheereffachuuf jecha kutaalee Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa gara jabeeyyii dhala namaaf naasuu namummaa tokkollee hin qabne bobbaasuun sabboontota adamsanii ajjeesuu, hidhuu fi saamuu hojii idilee godhatanii kan jiran yoo ta’u, Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti dargaggoo tokko irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwatanii jiraachuun ibsameera.
Jiraataa aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Jammoo Finnoo kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Dabalaa Yaaddessaa jedhamu Sadaasa 10, 2024 waraanni sirna dhableessi impaayerattii badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoo Dabalaan hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi maatii isaaf illee ilma tokkicha ta’uu himuun, badii tokko malee guyyoota muraasaaf waajjira poolisii aanaa Abuunaa Gindabaratitti hidhamuun dararamaa erga tureen booda achumatti ajjeefamuu gabaasan.

