ONM-ABO Sadaasa 15, 2024
Loltoonni bilxiginnaa nama tokkoof ergaman dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne ilmaan Oromoo hunda akkuma barbaadanitti akka kubbaatti dhiituun safuu fi duudhaa hawaasichaa cabsuu kan amaleeffatan dargaggoota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu itti fufuun, bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo-Laga Daadhii keessaa dargaggoota hedduu ukkaamsuun himamee jira.
Magaalaa Laga Xaafoo-Laga Daadhii keessaa ergamtoonni bilxiginnaa Sadaasa 13, 2024 gara galgalaa dargaggootni baay’inni isaanii 25 hanga 30 ta’an mana puulii keessaa qabamanii ukkaamfamuun boodarra immoo poolisootaa fi milishota PP’n marfamanii magaalicha keessaa galma tokko keessatti walitti qabamanii kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Dargaggoota qabaman keessaa muraasa isaanii gadi dhiisauun, kanneen hafan hedduun immoo leenjii loltuu Raayyaa Ittisaa akka deeman itti himamee jiraachuun ibsameera.
Kanneen gadhiifaman warra maatiin qarshii 50,000 hanga 100,000’tti irratti kaffalan akka ta’e ibsameera.


