• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti loltoonni PP dargaggoota hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufan

Nov 15, 2024

ONM-ABO Sadaasa 14, 2024 

Murni Bilxiginnaa irra keessaan raroo hoolaa uffatee keessoon ammoo yeeyyii ta’uun hawaasa nagaa butee dhiiga dhangalaasaa kan jiruu fi afaaniin nadhii roobsaa faallaa isaan summii baatee ilmaan Oromoo hunda irratti lukkeelee isaa   bobbaasuun miidhaa hangana hin jedhamne geessisaa jiraachuun ni beekama.

Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo irraa Sadaasa 7, 2024 ergamtoonni PP dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Caalaa Jamaal Mummee, 
  2. Ahimad Surur Usmee,
  3. Abdallaa Rashiid Hasanii fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee harka duubatti hidhuun gara mana hiraarsaa geessanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading