• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Hawwii Guddinaatti ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota ukkaamsanii hidhaatti darbachuu itti fufan

Nov 15, 2024

ONM-ABO Sadaasa 15, 2024 

Loltootni faashistii PP bakka cufatti akeeka Bilxiginnaa galmaan ga’uuf namoota nagaa irraan miidhaa gurguddaa ga’aa jiru.

Godina Lixa Harargee aanaa Hawwii Guddinaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufuun, torban darbe keessa araddaa Ibsaa irraa badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Afandii Ismaa’el,
  2. Murteessaa Badhaasaa,
  3. Ibsaa Gammachiis,
  4. Firoomsaa Mahaammad,
  5. Badhaasaa Dagaa,
  6. Qananii Burraaqsaa fi kanneen biroo hedduu bakka hojii dhuunfaa isaanii irraa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti waraanni maafiyaan PP impaayerattiin kufuu jala ga’uu ishee baruun utubuuf jecha ilmaan Oromoo hunda sababa tokko malee kan humna qabuu fi hin qabne hunda walitti guuruun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading