ONM-ABO Sadaasa 14, 2024
Murni Bilxiginnaa afaaniin nagaa dubbachaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii labsuun loltoota isaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaasee jiraattota adamsee ukkaamsuun hidhaatti guuraa, saamaa, haala suukkaneessaa ta’een ajjeesaa, manneen irratti gubaa, qe’ee fi qabeenya irraa buqqisaa jira.
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Tulluu Sangootaa jedhamu keessaa Sadaasa 4, 2024 barataa kutaa 7’ffaa kan ta’e nama maqaan isaa Fiqaaduu Waggaarii jedhamu waraanni faashistii Abiy Ahimed badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, barataa Fiqaaduun nama umurii 16 fi hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, waraanni maafiyaan impaayerattii ammoo badii tokko malee osoo inni galgalaan mana amantaa deemaa jiruu daandii irratti rasaasaan rukutanii deemuu dubbatu.
