ONM-ABO Sadaasa 16, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa safuu, eenyummaa fi duudhaa Oromummaa tokko illee kan hin kabajne dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne hawaasa hojii isaa hojjetatee jiraatu yakkuun miidhaa ulfaataa geessisuu itti fufuun godina Baha Harargee aanaa Baddannootti jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii jiru.
Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessaa Sadaasa 12, 2024 halkan keessaa toora sa’atii 11:00’tti waraanni sirnichaa mana itti cabsuun dargaggoota maqaan isaanii:
- Mohaammad Xahaa Muhaammad,
- Mohaammad Ahimad Saalii fi
- Ramadaan Ahimed Mohaammad kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun ukkaamsanii reebicha hamaa irraan gahuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Aanichatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne harka lukkeelee bilxiginnaan uummata irratti raawwachaa kan jiruu fi yeroo ammaa kanas jiraattonni hedduun dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuramaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.


