• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Kokkosaa fi Nansaboo keessatti maqaa gibiraan uummata irratti saamichi raawwatu jabaachuun uummanni finciluun barame

Nov 17, 2024

ONM-ABO Sadaasa 17, 2024 

Gareen maqaa waliin isaa hin beekamne hawaasatti dhahuun humnaa ol saamaa jiru murni Bilxiginnaa waraanaa fi Kaadiree isaa uummatatti bobbaasuun humnaan maallaqa kaffalchiisaa jiru Oromiyaa golee mara keessatti uummatatti jireenya hadheessuu irraan kan ka’e bakkoota tokko tokkotti fincila kaasaa jiraachuun beekamee jira.

Haaluma kanaan godina Arsii Lixaa aanaa Kokkosaa fi Nansaboo keessatti akkuma iddoolee birootti saamaa jiranitti humnaa ol maqaa gibiraan yeroo gaafatanitti uummanni fincila irratti dhoosee jira. Keessattuu aanaa Kokkosaa keessatti gandoonni 18 kaabinee maqaa bulchiinsa haaraa jedhuun gadi buute guutummaan guututti uummatni of irraa ari’uun mormii isaa dhageessifatee jira.

Sababa aanaaleen kun lamaan addatti mormachaa jiraniif waraanni murna garboomsaa PP uummata Oromoo ona Kokkosaa fi Nansaboo irratti xiyyeeffatus  uummanni aanaalee kanneenii mormii Bilxiginnaa irratti qaban itti fufee jira.

Murni Bilxiginnaa godina Arsii Lixaa hoogganu muddamsuu jabaa keessa galuun uummata kana kan sochoosaa jiru dabballee WBO’n hoogganamu ta’uu mala jechuun sabboontota ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin ofitti amanan yakkuuf akka deemaa jiru maddeen himuun, diddaan uummatichaa garuu itti fufee jira jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading