ONM-ABO Sadaasa 17, 2024
Sirni garboomfataan yeroo irraa gara yerootti uummata Oromoo ajjeesuu, hidhaan dararuu, saamuu, qe’ee fi qabeenyaa uummatichaa barbadeessuun golee Oromiyaa bakkoota garaa garaatti hawaasa jireenya dhorkaa jiraachuun beekamaadha.
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Boolee jedhamtu keessatti, hidhattoonni PP uummata Oromoo qe’ee isaanii irraa buqqisuudhaan manneen namoota 300 olii torbeedhuma kana keessa gubanii barbadeessuun, marsaa lammaffaas Sadaasa 14, 2024 itti deebi’uun manneen 190 ta’u gubanii jiraachuun beekamee jira.
Uummata manneen isaanii qabeenya mana isaanii keessa jiru dabalatee jalaa gubachuun barbadaa’e kanneenis bakka buufata 2’ffaa fi 7’ffaa jedhamutti hidhanii dararaa ulfaataa irraan ga’aa akka jiranis dabaluun ibsaniiru.
Uummanni gariin ammoo lubbuu isaa oolfachuuf jecha gara bosonaatti baqachaa akka turan kaasuun haalli isaan yeroo ammaa keessa jiran haalaan ulfaataa ta’uun waan nyaataa fi dhugaatii akkasumas uffannaa illee dhabanii haala akkaan rakkisaa keessa jiraachuu dabaluun dubbatu.
Dubartoonni ulfaa bosona keessatti da’aa jiraachuu fi gargaarsi hatattamaa illee akka isaan barbaachisu ibsu.


