ONM-ABO Sadaasa 17, 2024
Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkee ajjeesuu, hidhuu fi saamuu hojii idilee isaa kan taasifate waraanni goolessaan impaayerattii, goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaan yakkuun miidhaa hangana hin jedhamne irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Sadaasa 12, 2024 waraanni maafiyaan impaayerattii aanaa Liiban Jaawwii ganda Munyoo Kashanbalii jedhamu keessatti namoota maqaan isaanii:
- Booruu Shallamaa,
- Tafarraa Dassaaleny,
- Daani’eel Dandanaa fi kanneen maqaan isaanii ammaaf adda hin baane hedduun badii tokko malee mana isaaniitii ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa Liiban Jaawwiitti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, waraanni sirnichaa ammoo maqaa ‘hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun yakkee hidhaatti darbachuu dubbatu.


