• Fri. Mar 13th, 2026

Miseensi Waraana Bilxiginnaa Raayyaa Ittisa Impaayerattii kanneen ofiin jedhan mooraa waraanaa Aanaa Abaaboo Guduruu fi Baatuu irraa ba’uun gooticha WBO’tti harka kennatan

Nov 17, 2024

ONM-ABO Sadaasa 17, 2024 

Gareen abbaa irree teessoon isaa jalatti raafamee yeroo jirutti ijjibaata falmachuu fi turtii isaanii dheereffachuuf jecha namoota nagaa fedhii isaanii malee dirqiin qabanii gara adda waraanaatti guuraa kan turan yoo ta’u, isaan keessaa kanneen Oromoo irraa dhalannee Oromootti hin dhukaafnu jedhan ammoo meeshaa isaanii guutuun gooticha WBO’tti harka kennachaa jiru.

Akkaatuma kanaan sadaasa 15 fi 16, 2024 godina Horroo Guduruu Wallagga aanaa Abaaboo Guduruu ganda Biqiltuu Abooboo mooraa Waraana PP Takile Hayimaanot jedhamu irraa Sadaasa 16, 2024 kanneen sabaan Tigiree ta’an 2 hidhannoo lama 2, Boombii harkaa 4 ,Snaaperii 1 qawwee AKM Turkii 1 fi rasaasa AKM 819 kan PKM 200 fidanii dhufuun mooraa diinaa haphisanii kan qabsoo bilisummaa Oromoo gabbisanii jiru.

Itti dabaluun Sadaasa 15, 2024 godinuma Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Baatuu irraa miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii kan sabaan Oromoo ta’e tokko qawwee AKM Turkii 1 rasaasa 400 fi Boombii harkaa 2 hidhannoo guutuu waliin fidee dhufuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayerattii duraanii kunneen akka jedhanitti jalqabumayyuu dirqamaan fedhii malee akka dhaqan kaasuun daba mooricha keessa jiru balfuun akka keessaa miliqan himuun, nuti amma kanayyuu quunnamtii WBO dhabaa fi sodaachisaa sirnichaan nu irratti kaasaa ooltuun turre jechuun dhufaatii isaaniitti milka’uu gammadaniiru.

Itti dabaluun simannaa WBO’n taasiseefitti gammaduun qabiinsa gaarii nuuf godhanii jiru, akka nu sodaachisan miti dubbiin jaraa kijiba jechuun naamusa WBO’tti hedduu gammadanii kanneen akka keenya duraanii sirnichaaf hojjechaa jirtan osoo yeroo qabdanii meeshaa fi hidhannoo keessan fudhaatii gara WBO’tti kottaa qabsoo saba keessaniitti makamaa, dhugaatti qabsaa’as jechuun dhaammatanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading