ONM-ABO Sadaasa 18, 2024
Lukkeeleen Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun waa’ee dantaa uummata bulchaa jirra jedhaniif dhimma tokko illee kan hin qabne ta’uu fi qarshii guyyaa tokko illee nama hin oolchineef hawaasa nagaatti ujummoo qawwee garagalfachuun dararaa ulfaataa geggeessaa kan jiran yoo ta’u, godina Arsii Bahaa aanaa Suudeetti gocha isaanii kanaan uummatni dararaa argaa jira.
Haaluma kanaan ergamtoonni dinagdee uummata Oromoo quucarsuuf bobbaafaman loltoonni koloneel Abiy Ahimed wayita ammaa aanaa Suudee ganda Ashmiiraa Warganbullaa jedhamu keessaa maqaa “kaffaltii Buusaa Gonofaa” jedhuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii 1,600 saamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Murni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa kufaatii gama maraan ishee mudate irraa of baraaruuf jecha ergamtoota sadarkaa adda addaa irra jiraniif ajaja kennuun yeroo ammaa akkuma guutuu Oromiyaatti hawaasa nagaa saamuu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuun ibsameera.


