• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa leenjii milishaa jedhuun jiraattota irraa maallaqa saamaa jiraachuun himame

Nov 18, 2024

ONM-ABO Sadaasa 18, 2024 

Karaa ittiin uummata Oromoo saamanii dinagdee isaa harkatti laamsheessan tooftaa garaa garaa kalaqachaa kan oolan ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed, yeroo ammaa kanas goleewwan Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti maqaa leenjii waraanaa jedhuun jiraattota ukkaamsee maallaqa guddaa irraa saamaa jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan aanaa Giddaa Ayyaanaatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota leenjii waraanaaf ukkaamsuun maallaqa irraa fudhatanii gadi lakkisaa kan jiran yoo ta’u, torbanuma kana keessa ganda Gaattiraa jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii Tasfaa Amanuu Hundee fi Fayyeeraa Inkoosaa Jabeessaa jedhaman qarshii kuma sadiif dhibba shan kaffalchiisuun leenjii milishummaa irraa gadi lakkisanii kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namni jiraattota kana irraa maallaqa guuraa jiru ergamaa Bilxiginnaa aanichaa kan ta’e nama maqaan isaa Fayyeeraa Hirphaa Biduu jedhamu ta’uu himuun, namni kun kanaan duras bara mootummaa Wayyaanee waranummaan tajaajilaa kan turee fi aanicha keessatti jiraattota irratti dararaa hamaa raawwachaa kan jiru ta’uu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading