• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Booranaa Aanota adda addaa keessatti murni impaayera Itiyoophiyaa maqaa gibiraan hawaasa saamuu itti fufan

Nov 18, 2024

ONM-ABO Sadaasa 18, 2024 

Gareen hojii badiisaa malee waan dansaa hawaasni irraa jaal’atu hojjatee hin beekne Bilxiginnaan hawaasa saamuu, hidhuu fi doorsisuun haala duraan barameen olitti dararaa geggeessaa jira.

Godina Booranaa aanaalee hedduu  keessatti saamichi daangaa darbe maqaa gibiraan hawaasa irratti adeemaa jirachuu jirattonni ONM’tti himan. Haaluma kanaan aanaalee akka:

  • Dubuluq
  • Dilloo
  • Eel-wayyee
  • Taltallee fi
  • Goomolee dabalatee saamichi murna PP’n jabachuu jiraattonni himuun, gareen saamichaaf bobba’e kun nama tokko irraa qarshii 1000-2000 irraa guuraa jirachuu dubbatan.

Oduu biraatiin ammoo maqaa raayyaa ittisa impaayerattii jedhuun dargaggoota adamsuun guuraa kan jiran yoo ta’u, namni leenjii milishummaa deemuu dide immoo hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabda maqaa jedhuun ukkaamfamuun dararamaa jiru.

 Gandoota akka:

  • Gooroo Daadaa
  • Bokossaa 
  • Dharriitoo fi
  • Qarsaa Dambiittii irraa hawasni gama kaaniin gibira gama kaaniin immoo maqaa nama milishaa ta’u kennaa jedhuun rakkachaa jirachuun haalli amma murni naazii Abiy himed itti jiru kun hin dhaabbatu taanaan rakkoo cimaaf akka saaxilaman himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading