ONM-ABO Sadaasa 19, 2024
Koloneel Abiy Ahimed wayita gara aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee akka waan Oromoon bilisoomeetti gaaffii fi dantaa uummata Oromoo bakkeetti gatuun duula Oromummaa fi Oromiyaa dhabamsiisuu irratti xiyyeeffachuun goleewwan Oromiyaa cufatti loltoota isaa bobbaasee duguuggaa sanyii raawwachiisaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan aanaa Waamaa Agaloo ganda Goossanii killoo jedhamu keessaa Sadaasa 15, 2024 waraanni goolessituun impaayera Itiyoophiyaa namoota nagaa lama kanneen maqaan isaanii:
- Obbo Shifarraa Dheeressaa fi
- Hambaa Bushuraa jedhaman badii tokko malee mana jireenyaa isaanii ibidda itti shiduun qabeenya guutuu waliin jalaa barbadeessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen dararaa isaanii hammeessuun aanaa Jimmaa Arjoo ganda Meettaa jedhamu keessaa guyyaadhuma kana Sadaasa 15, 2024 namoota maqaan isaanii Obbo Dirribaa Lammeessaa fi Ida’aa Lammeessaa jedhaman sababa tokko malee qe’ee isaaniitii butuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Kana malees, godinuma kana aanaa Gudayyaa Biilaa gandoota garaa garaa keessaa torban darbe Sadaasa 15, 2024 irraa eegaluun ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti dhukaasuun ukkaamsanii gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru
