ONM-ABO Sadaasa 20, 2024
Ergamtoonni safuu fi safeeffannaa hawaasichaa hin kabajne loltoonni Koloneel Abiy Ahimed akkuma argan bobbaafamuun uummata Oromoo irratti harka isaanii adaba hin qabne kaasaa kan oolanii fi hawaasa nagaa jireenya dhuunfaa isaa jiraatuu fi waa’ee dhimma qabsoo Bilisummaa Oromoon wal qabatu homaa tokko illee quba hin qabne maqaa “hidhata WBO qabdu” jedhuun daa’imman xixiqqoo hanga dubartii ulfaatti yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne garaa garaa irratti raawwachuu itti fufanii jiru.
Aanaa Jimmaa Raaree ganda Misooma Dhangaggoo irraa loltoonni sirnichaa Sadaasa 17, 2024 dubartii maqaan ishee Faantuu Torban jedhamtu badii tokko malee reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun ulfa ji’a 8 irraa kan baasan yoo ta’u, hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti dubartiin kun hospitaala ciisuun du’aa fi jireenya gidduu kan jirtu ta’uu maddeen ONM’tti himan.
Dubartiin kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa abbaa warraa keetu hidhata Qeerroo Bilisummaa Oromooti jedhuun gocha suukkanneessaa kana irratti raawwachuun cinatti qotiyyoo tokkos jalaa saamanii deemuu maddeen dabalataan ibsaniiru.


