ONM-ABO Sadaasa 19, 2024
Yoo xiqqaate lammiileen Israa’el shan Wiixata kaleessaa erga rookkeettiin Libaanos irraa furguggifamuun magaalaa guddaa Tel Aviv rukutee ibiddi akka ka’u taasisee booda madaa’uu miidiyaaleen Israa’el gabaaseera.
Waraanni Israa’el rookkeettii naannoo guddicha Tel Aviv irratti xiyyeeffate to’achuu isaa gabaaseera. Haa ta’u malee, broodkaastiin Chaanaalii 12, rookeetotni Libaanos irraa furguggifaman naannoo sana rukutaniin namoonni shan madaa’uu ifoomseera.
Gaazexaan guyyaa guyyaa Israa’el Hayom jedhamu akka hubachiisutti, rookkeettiin naannoo wiirtuu daldalaa magaalaa Ramat Gan, baha Tel Aviv, bakka sanatti ibiddi akka ka’e ibseera.
Hogganaan poolisii Tel Aviv Hayim Sargerof taatee kun akka waraanni jedhetti misaa’ela addaan cite osoo hin taane kallattiin rookkeettii ulfaataa irraa rukutamuu kan of keessaa qabu ta’uu mirkaneessaniiru.
Sargerof miidhaa kana ilaalchisee bal’inaan yaada kan kenne yoo ta’u, kutaaleen motorri rookkeettii gamoo tokko irratti badiisa guddaa kan geessisan ibsuun, utubaa elektirikii dhiyoo jiru qabsiisuun ibiddi akka ka’e dubbataniiru jedha Yediwot Aronot.
Haleellaa Israa’el Libaanos keessatti raawwatteen namoonni 3,500 ol kan ajjeefaman yoo ta’u, Onkoloolessa darbe irraa eegalee namoonni 15, 000tti dhiyaatan madaa’uu fi miliyoona tokkoo ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu aanga’oonni fayyaa Libaanos beeksisaniiru.

