ONM-ABO Sadaasa 20, 2024
Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa gara mooraa leenjii waraanaatti geessuuf nama isaaniif tole jedhu dhabuun dargaggootaa fi qonnaan bultoota hedduu humnaan ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa fi gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun ifoomeera.
Baha Harargee aanaa Baddannoo magaalaa Furdaa jedhamu irraa ergamtoonni impaayerattii suphuuf halkanii fi guyyaa ifaajan barattoota sadarkaa 1’ffaa fi 2’ffaa kanneen magaalicha keessatti baratan maqaa “Itiyoophiyaaf loltu” jedhuun baay’inaan ukkaamsanii fedhii isaanii malee gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, magaaluma kana keessaa maqaa sobaa itti maxxansuun namoota maqaan isaanii Obbo Mahaammad Jamaal Usmaanii fi Obbo Obsaa Mahaammad Usmaan kanneen jedhaman badii tokko malee Sadaasa 14, 2024 qabuun waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.
Aanicha guutummaa keessatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun qarshii hedduu saamaa kan jiran loltoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii durfachuun garaa isaanii guuttatanii of gammachiisuuf ifaajan magaaluma Furdaa keessaa torbee darbe irraa eegaluun maqaa “uffata milishaa binna” jedhu da’oo godhachuun qarshii kuma tokko tokko saamaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.


