• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaa keessatti hidhattoonni PP qabeenya uummataa saamuu fi adabbii maallaqaas hammeessuun dhagaa’ame

Nov 22, 2024

ONM-ABO Sadaasa 21, 2024 

Oromiyaa keessatti seer-dhablummaan hidhattoota garee maafiyaa PP’n raawwatamu jabaatee itti fufuun namoonni danuun gochaa isaanii malee maqaan madaala hin kaasne itti maxxanfamuun qabeenyaa isaaniin ala ta’uun itti fufee jira.

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Cooree keessatti Sadaasa 14, 2024 namoota hedduu jalaa qabeenya isaanii saamuuf tooftaa qopheeffachuun “isin hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, isin ajjeesuu dandeenya jechuun doorsisa garaa garaa erga irratti raawwataniin booda bitamtoonni sirnichaa saamicha irratti geggeessanii jiraachuu jiraattonni gochaan kun irratti rawwwatame dubbatu. 

Nama maqaan isaa Obbo Warquu jedhamu jalaa kilinika dhuunfaa isaa tokko qabeenya keessa jiru waliin guutummatti saamuun harka duwwaatti yoo hambisan, namoota uummata keessatti dammaqina qabu jedhaman ammoo rifaasisuuf jecha tokko tokkoo isaanii irraa  qarshii 4000 irraa guuruun ilma namaa qaala’iinsi jireenyaa dararaa jirutti daran jireenya hadheessanii jiru.

Namootni isaan hidhata WBO qabdu jechuun humnaan maallaqa irra saaman keessaa muraasni:

  1. Bayyanaa Abdurhamaan, 
  2. Abdurahamaanee Ibraahim,
  3. Saalii Mahaammad kan jedhaman yoo ta’an,  Abdurhamaan Yaasin  kan jedhamu irraa ammoo ati abbaa afooshaati maqaa jedhuun qarshii 25,000 irraa fuudhuun ifatti saamicha ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiran jabeessuu jiraattonni himu.

Sirni bara dhufaa darbaa Oromoo dararuun biyyaa fi qe’ee isaa irratti akka horiitti Oromoo qalee fixaa jiru kun Oromiyaa fuula cufaan waraana isaa fi finxaaleeyyii itti bobbaasuun lubbuus balleessaa qabeenyaas barbadeessaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading