• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Dharraatti humna impaayerattiin kan deggeraman finxaaleeyyonni Amaaraa Faannoon uummata Oromoo irratti gochoota suukkanneessaa raawwachuu kan durii irra hammeessan

Nov 22, 2024

ONM-ABO Sadaasa 20, 2024 

Abjuu abbootii isaanii kaleessaa milkeessuuf kanneen dhama’an murnoonni abbaa irree Itiyoophiyaa karaa beekamaa fi dhokataa ta’een, uummata Oromoo irratti ijaaruun qawwee itti qabanii ajjeesaa fi saamuun buqqisaa oolan garaa isaan ciibsuu diduun har’as seenaa kaleessa Calii Calanqootti raawwatan irra deebi’uun akka uummatichi nagaan hin jiraanneef madaa uummatichaa tuttuquun harkaa fi harma muruu irra darbanii akka horiitti ciibsanii qaluu jabeessanii jiru.

Bu’uuruma kanaan gocha dabaa uummata Oromoo irratti raawwachuu itti fufuun godina Kaaba Shaggar aanaa Dharraatti yeroo dheeraaf humni maqaa Faannoo jedhuun naannicha keessa hidhatee sochu’u kan impaayerattiin deggeramanii fi mataan naftxanyootaa Abiy Ahimed paarlaamaa irratti Faannoon biyya eeguu ittiin boonna hanga eessatti ni hidhachiifna jechuun dubbate, yeroo waggoottan sadan kana haala bifa jijjiirrateen uummata dararuu jabeessanii jiru.

Akka Arratni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota aanaa Dharraa tokko tokko dubbise jedhanitti murni maqaa mootummaan aangoo qabatee jiru meeshaalee qaba jedhamu xiyyaara nama maleeyyii (diroonii), Dishqaa, Moortera fi Z-23 itti darbachuun miidhaa lubbuu namootaa fi qabeenyaa irraan ga’aa jiraniin alatti finxaaleeyyiin Amaaraa ammoo daran uummata Oromoo irratti gocha suukkanneessaa raawwachaa jiru.

Finxaaleeyyonni Amaaraa Faannoon karaa daangaatiin itti bobba’uun saamicha irratti raawwachuu, qe’ee uummataa gubanii barbadeessuu fi kan bira ga’an ciibsanii qalaa kan jiran yoo ta’u, nama maqaan isaa Darajjee jedhamu qalanii dhiiga isaa addatti dibachuun lafatti tuqanii lafichis kana booda kan keenya ta’eera jechuun itti baacaa turan.

Yeroo gochi hanga kana ga’u uummata Oromoo irratti raawwatu qaamni hidhatee impaayerattiin bulchaa jedhu callisee ilaalaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa qulqulleeffateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading