• Fri. Mar 13th, 2026

Kaaba Shaggar Aanaa Dharraatti duulli qindaa’aan duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiraachuun himame

Nov 22, 2024

ONM-ABO Sadaasa 21, 2024 

Duula qindaa’aa duguuggaa sanyii walta’iinsa murna Bilxiginnaa fi finxaaleeyyii Amaaraan uummata Oromoo Kaaba Shaggar aanaalee garaa garaa irratti raawwatamu kan dur barameen olitti jabaatee itti fufee jira.

Aanaa Dharraa ganda Iluu Goda Caffee jedhamu keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa finxaaleeyyii Amaaraa tumsuun uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun yakkoota suukkanneessoo adda addaa irratti raawwachaa jiran loltoonni Koloneel Abiy Ahimed Sadaasa 17, 2024 namoota sadii kanneen maqaan isaanii:

  1. Abbuu Boggaalee,
  2. Abbuu Hajii Ahimed fi
  3. Kadir Nugee jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees torbeema darbe keessa aanichuma ganda Jirruu Daadaa jedhamu irraa abbaan tokko ilma isaa waliin qe’ee isaa irratti harka dubatti hidhamuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeefamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen duula duguuggaa isaanii ittuma fufuun haleellaa guyyaa dheengaddaa ganda Bayyoo Noonnootti geggeeffameen dargaggoo tokkoo fi loon irra miidhaan qaqqabee jiraachuu maddeen himan.

Yeroo ammaa kanas haalli aanicha keessatti deemaa jiru ulfaataa ta’uun, uummanni birmannaa dhabuun maatiin daa’ima isaa waliin qe’ee irraa buqqa’uun bakkeetti hoongeef beelaan dhaanamee lubbuu isaa dhabaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading