ONM-ABO Sadaasa 22, 2024
Tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa fedhii isaanii malee barataaf barsiisaa, qonnaan bulaaf daldalaa osoo hin jenne akkasumas, saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin namuma argan ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu irra deddeebiin isiniif gabaasaa jiraachuun keenya kan yaadatamuudha.
Aanaa Sulula Finca’aa irraa ergamtoonni sirnichaa hawaasa nagaa gara leenjii waraanaatti guuruu itti fufuun, Sadaasa 19, 2024 ganda Agamsaa mana barnootaa sadarkaa 1’ffaa Agamsaa irraa barattoota maqaan isaanii:
- Galataa Mangashaa,
- Jireenyaa Badhaasaa,
- Abbittii Darajjee fi kanneen ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu barnoota isaanii irraa ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti geessanii kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Haaluma walfakkaatuun aanaa Abbaay Coomman ganda Hoomaa Kulkulaa fi Sandaaboo Dongoroo jedhaman keessaa namoota nagaa kanneen maqaan isaanii:
- Fayyoo Garramuu,
- Booree Gaaromaa,
- Taarikuu Toluu,
- Habtee Zallaqaa jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an waraanni Abiy Ahimed mana jireenyaa isaaniitii leenjii waraanaaf ukkaamsanii jiraachuu maddeen itti dabaluun addeesaniiru.
Akka maddeen himanitti, aanota kanneen keessatti waraanni sirnichaa gochoota farra namoomaa uummata nagaa irratti raawwatan jabeessanii jiraachuu himuun, qonnaan bultoota irratti saamicha hamaa raawwachaa jiraachuu fi kanneen daldaltoota ta’an ammoo dukkaana isaanii jalaa saamsaa jiraachuus dubbataniiru.



