• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti ergamtoota maafiyaa PP’n hidhaa fi doorsisni namoota nagaa irratti geggeeffamu hammaachuu maddeen ONM’f eeran 

Nov 23, 2024

ONM-ABO Sadaasa 21, 2024  

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Coqorsoo keessatti Sadaasa 18, 2024 hidhattootni sirnichaa raayyaa ittisa impaayerattii fi milishoota jechuun of waamtu qonnaan bultoota 2 jiraattota gandichaa kan ta’an namoota maqaan isaanii Hasan Ibraahim Muhee fi Ahimed Adam Darasee jedhaman fuula maatii duratti akka daa’imaatti kabaluun jechoota safuu hawaasichaa ta’aniin namoota kanneen arrabsaa magaalaa Caffaa Roobititti hidhanii jiru.

ONM jiraattota ganda Coqorsoo dubbise irraa akka qulqulleeffatetti, namoonni hidhattoota sirnichaan reebamuun hidhaman kun qonnaan bultoota hojii isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun jiraatan, akkasumas hawaasa naannichaa waliin hariiroo gaarii uummachuun kan jiraachaa turan ta’uu fi namoonni kunneen hawaasa gandichaa biratti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa kan qaban ta’anis gareen goolessituu PP Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii hidhuu itti dabaluun ifoomsaniiru.

Akka jiraataan kan biroon dubbisne tokko jedhutti ammoo, godina Walloo aanaalee garaa garaa keessatti ergamtoota murna Bilxiginnaan jiraattota irratti dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa darbe maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhuun namoota siyaasa kam keessaa qooda hin qabne irratti raawwachaa jiraachuu ibse.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading