ONM-ABO Sadaasa 22, 2024
Erga murni bilxiginnaa qabsoo Qeerroo fi Qarree butuun gara aangootti dhufee kaasee nagaan biyyattii keessaa dhabamuun sirnoota abbaa irree darban caalaatti dhiitamiinsi mirgoota namoomaa daangaa darbe raawwachuun, misoomni dhabamee namni daldalatee fi qotatee jiraachuu dadhabuu, qe’ee isaa irratti rasaasaa fi xiyyaara waraanaa gosa garaa garaan boombii gubbaa itti roobuu fi finxaaleeyyii Amaaraa barcuma aangoo PP tiksuuf bobbaafamaniin qe’een Oromoo qe’ee guyyuu dhiigni keessaa dhangala’u ta’ee jira.
Hiriira roorroon hawaasa Oromoo irratti hammaachuun miidhaa fi ciisanii qalamuu uummata Oromoo godina Kaaba Shaggar aanaa Dharraan wal qabatee sagalee ta’uuf guyyaa kaleessaa Sadaasa 21, 2024 eegale akka guyyaa har’aa Sadaasa 22, 2024 irraa ka’ee bifa hunda haammateen itti fufuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha taasisee jira.
Hiriirri geggeeffamu kunis naamusa isaa eeggatee gocha Oromoo irratti raawwachaa jiruu fi Bilxiginnaa miidhaa uummata Oromoof sababa ta’e kana balaaleffachuun akka aantummaa saba isaanii agarsiisaniif kallattiin kaa’ameera.
Ilmaan Oromoo kallattii adda addaan waamicha kana dhageessan wal kakaasuun akka itti hirmaattan jechuun keessaa fi alatti waamichi iyyii iyya dabarsii ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoon kaleessa ba’e ni mul’isa.

