• Sun. Mar 15th, 2026

Maatiin qabsaa’otaa godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee, Dawwee Harawaa fi Daawaa Caffaa keessatti murnoota Bilxiginnaan gabaa akka hin baane dhorkamuun doorsifamaa jiraachuun dhagaa’ame

Nov 23, 2024

ONM-ABO Sadaasa 22, 2024 

Seenaa riphee loltoota addunyaa kanaa warreen bilisummaa saba isaaniif qabsaa’aa turanii fi akkasumas duula abbootiin irree riphee loltoota dhabamsiisuuf taasisaa turan keessatti mul’atee kan hin beekne bara bulchiinsa murna Bilxiginnaa keessa maatii qabsaa’otaa haala suukkaneessaan ajjeesuu fi ukkaamsanii hidhuu irra darbee, gabaa hawaasummaa illee akka isaan hin baane hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin dhorkamuun rakkoo keessa akka jiran ONM jiraattota irraa  qulqulleeffateera.

Akkuma beekamu gabaan jiraattotaaf bu’uura waan hundaa yoo ta’u, gabaan jiraattota malee, jiraattotnis gabaa malee jiraachuun kan hin danda’amne ta’us, lukkeeleen Bilxiginnaa baatii darbe Onkoloolessa 6, 2024 waltajjii torbee tokkoo oliif taa’aniin maatiin qabsaa’otaa gabaa akka hin baane, yoo ba’an ammoo akka namoota biroofis jiila ta’utti reebamanii hidhamuu akka qabanii fi adabbii maallaqa guddaa gaafatamuu qabu jechuun maree isaanii xumuruun yoo adda ba’an, yeroo ammaa ammoo waan dubbachaa turan sana hojiitti hiikuun hawaasa rakkisaa jiru.

Aanoonni maatiin qabsaa’otaa hidhattoota sirnichaan gabaa akka hin baane keessatti dhorkamaa jiran kunneenis aanaa Harxummaa Fursee,  Dawwee Harawaa fi Daawaa Caffaa yoo ta’an, jiraattotni kunneenis akka jedhanitti, nuti ofii  gabaa dhorkamneerra waan ta’eef ba’uu hin dandeenyu, garuu hawaasuma dur gaddaa fi gammachuu waliin qooddannee wal faana jiraachaa turreen nuuf fidaa yoo jenne isaanis waan reebamaniif ni sodaatu, nuti ammoo baabura midhaanii deemnee daakkachuufuu danqamaa jirra kan jedhan jiraattota aanota armaan olitti caqafaman irraa ONM dubbiseedha.

Murni Bilxiginnaa hawaasuma bulchaan jira ofiin jedhu maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun gargar qoqqoodee rakkisaa kan jiru yoo ta’u, gama biraan ammoo karaa dabballootaa fi miidiyaa of harkaa qabaniin holola biifaa jiraniin, akka waan Bilxiginnaan nagaa waaraa buusuuf fedha qabaateetti, WBO ammoo qaama nagaa booressuu fi nagaa hin barbaanne fakkeessaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading